Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinneetti Yaa’iin Gargaarsa Namoomaa Sudaanitti Fuuleffate Geggeessame


Finfinneetti Yaa’iin Gargaarsa Namoomaa Sudaanitti Fuuleffate Geggeessame
Finfinneetti Yaa’iin Gargaarsa Namoomaa Sudaanitti Fuuleffate Geggeessame

Wal waraansa Sudaan keessatti itti fufee jiruun lammileen biyyattii haala rakkisaa keessatti argamaniif hawwaasni addunyaa gargaarsa namoomaa akka taasiisuuf yaa’ii har’a dhimma kana sababeeffachuun Finfinnee Itiyoophiyaatti taa’amerratti waamichi dhiyaateera. Itiyoophiyaan lammiilee Sudaan kanaaf deeggarsa doolaara Ameerikaa Miiliyoona 15 akka taasiiftu ibsiteeti. Yaa’ii gargaarsa namoomoo Sudaaniif jedhu har’a Finfinneetti taa’ame kan qopheessaan Gamtaa Afirikaa, IGAD, Mootummaa Itiyoophiyaa fi kan Arab Emmireetis. Yaa’ii kanarratti kan argameeru hoogganaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh lammiilee Sudaan kanneen waraanichaan miidhaman kan biyya keessa fi biyyoota olla birootti baqataniiran baay’inni isaanii miiliyoona 26 ta’an gargaarsa hatattamaa barbaadu , haala amma jiruunis namoota kanneeniif gargaarsa namoomaa taasiisuuf doolaara Ameerikaa biiliyoona ja’a barbaachisa jedheeraa

Dura ta’aan Komishinii Gamtaa Afirikaa Musa Fakii Mahaammat gama isaan qaamooleen wal waraanaa jiran lamaan gara waliin dubbii waraana dhaabuutti dhufuun dararaan uummata Sudaan irraa haa dhaabbatu jechuun waamicha dhiyyeesseera.

Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan lammiilee Sudaaniif deeggarsa maallaqa doolaara Ameerikaa Miiliyoona 15 akka taasiftu himeera. Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo immoo biiyi isaa Keeniyaan deeggarsa doolaara miiliyoona tokko akka taasiftu himeera. Yuunaayitd Arab Emmireetis gama isheen deeggarsa doolaara miiliyoona 200 lammiilee Sudaaniif nan taasiisa jetteetti. Gargaarsa kana kan ifoomsan Yuunaayitid Arab Emmireetisitti de’eetaan ministira wal ta’insa idil addunyaa Riim Alshaahimii sooma Ramadanaa torbaan lamaan booda jalqabu sababeeffachuun qaamooleen wal waraanaa jiran waraana dhaabuu gargaarsa namoomaa akka taasiisaniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Wal waraansi Sudaan keessa ji’a Eebilaa bara 2023 irraa erga eegalee kaasee lammiileen Sudaan miiliyoona 12 ta’an qe’eerraa buqqa’uu isaanii dhaabbanni mootummoota gamtoomanii ifoomseera. Finfinnee irraa Inskindir Fireew gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG