DAMBI-DOOLLOO, OROMIYAA —
Jaarsoliin magaalaa Dambii Doolloo mootummaan riphxee-loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin araara dubbachuuf dhiheesse ka deggeran tahuu ibsuun akka dhugaan hojiitti hiikamu waamicha dhiheessan.
“Gama lameen wal-dhibdee gidduu isaanii mariidhaan furuun yaada gaarii fi baay’ee barbaachisaa dha,” jedhu.
Gabaasaan VOA Naakoor Malkaa tibbana yeroo Godina Qellam Wallaggaa Magaalaa Dambii Doolloo dhaqee turetti, yaada maanguddoota fi ka gama mootummaas Bulchaa Godinaa Qellem Wallaggaa irraa gaafatee gabaasaa qindeesse. Guutummaa isaa caqasaa.