Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Siyyaasaa Ityoophiyaa Marii Biyyaalesatati hirmaachuudhaaf Haaldureewwan ‘Nuuf Guutamuu Qabu’, Jedhan hiheeffatan


Magaala Finfinnee naannoo Markaatoo, Ebla 25, 2024.
Magaala Finfinnee naannoo Markaatoo, Ebla 25, 2024.

Paartileen Siyyaasaa Itiyoophiyaa keessa socho’aa jiran kaneen marii biyyaalessaa qophaa’aa jiru irratti akka hirmaatan gaafataman, marichaa irratti hirmaachuudhaaf haaldureewwan adda addaa dhiheesuun isaanii beekamee jira. Komishiiniin marii biyyaalesaa dhaabileen siyyaasaa yaaddawwan marii biyyaalessaatif ta’an akka gumaachan gaafachuu isaa Sagalee Amerikaatiif kan ibsan paartileen siyyaasaa tokko tokko maricha irratti hirmaachuudhaaf halduree akka dhiheesan ibsanii jiru.

Paartilee kana keessaa tokko kan ta’e, Paartiin waraaqsa umata Itiyoophiyaa/ EPRP rakkinaa siyyaasaa biyyatti hikuudhaaf mariin biyyaalesaa barbaachisaa ta’uu amanuudhaan koree mataa isaa dhaabee hojjachaa turuu isaa ibsee , haa ta’u malee labsii yeroo atattamaatiin walqabatee sarbiinsii mirga namoomaa fi hidhaan waan hammachaa jiruuf, duraa taa’aa paartichaa dabalatee hoggantoonni fi miseensonni isaa amma mana hidhaatii hin baanetti marii biyyaalesaa irratti hirmaachuu akka hin dandeenyee itti aanaa dura taa’an paartichaa Megabe Biluy Abreha Hayimanoot sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Duraa taa’aa mana maree waloo partilee siyyaasaa kan ta’an obbo Dastaa Dinqaa, dhimmaa kana irratti ibsa kennaniin, mariin biyyaalesaa rakkina siyyaasaa biyyatti furuudhaaf faayidaa inni qabu irratti paartileen siyyaasaa waliigalanus haala siyyaasaa yeroo amma biyyatti keessa jiruun walqabatee paartiileen mormitootaa gaaffii adda addaa dhiheesaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru. Komishineera olaanaa Komishiinii marii biyyaalessa kan ta’an Proofeeseer Masfin Ari’ayaa, komishiiniichii qaamoolee dhimma nageenya biyyatti keessaa qooda qabanuuf balballii banaa ta’uu isaa ibsaanii, komii dhaabbileen siyaasaa dhiheessaa jiranuuf deebii kennuudhaaf akka hojjachaa jiran ibsanii jiru.

Muummichii ministeeraa mootummaa Ityoophiyaa Abiy Ahimed marii dhiheenyaa kana paartiilee siyyaasaa wajjin taasisanin namoottan ilaacha siyyaasaatiin walqabatee hidhaman akka hin jirre ibsani, hidhaa seeraan alaatiin walqabatee komii dhihaachaa jiru irratti mootummaan isaanii akka qulquleesuuf yaaluu ibsuu isaanii Kenedii Abaatee finfinee iraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG