AMBOO —
Gaazzexessaa Iyyaaspeed Tasfaayeefi Ma'aazaa Mahaammad mana hidhaatii gadhiisamuu maatiin isaanii VOAtti himan.
Gaazexeessaa fi barreessaan Hinseenee Mekuriyaas, baatii tokkoof hidhamee turee dhiheenya hiikamuu isaa beeksisee jira. Tahus, gaazexessaa Taammiraat Nagaraa haga ammaatto akka hin hiikamiin dubbatu, maatiin isaa. Dhimma hidhamuu gaazzexeessotaa kana irratti, Komishinii Poolisii, ka mootummaa Federaalaafi ka magaalaa Finfinneerraa deebii argachuuf yaaliin godhame haga ammaatti hin milkoofne.
Gabaasaa guutuu caqasaa