Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awurooppaa Gurmuu Naga-eegumsaa Haaraa Somaaliyaaf Raggaasise


FAAYILII - Alaabaa Gamtaa wurooppaa fi Alaabaa Somaaliyaa
FAAYILII - Alaabaa Gamtaa wurooppaa fi Alaabaa Somaaliyaa

Loltoonni Itiyoophiyaa kanneen qaama gurumuu gamtaa Afriikaa ta’uun tajaajilaa turan maadhee isaanii kan magaalaa Mahaas jiru humnootii Somaaliyaatti dabarsanii kennuu isaanii gurmuun gamtaa Afriikaa kan Somaaliyaa keessaa Roobii har’aa beeksisee jira. Maadheen waraanaa magaalaa Beledweeyin irraa gama bahaatti fageenya km 120 irratti argamu kun akka lakkoobsa loltoota gamtaa Afriikaa gad hir’isuu kan marsaa sadaffaa-tti keellaa waraanaa ja’affaa waraana Somaaliyaatti dabarfamee kenname ta’uu grumuun gamtaa Afriikaa kan Somaaliyaa keessaa beksisee jira.

Gamtaan Afriikaa akka jedhetti angawoonni Somaaliyaa itti gaafatama naga eegumsaa fudhachuu dhaan Al-Shabaabitti duuluuf qophee ta’uu ibsaniiru. Gama biraatiin, manni maree nagaa fi nageenya gamtaa Afriikaa gurmuu haaraa kan grumuu ce’umsa kan gamtaa Afrikaa yeroo ammaa harkaa Amajjii bara 2025 itti gaafatama fuudhu raggaasisee jira.

Manni maree nagaa fi nageenya gamtaa Afriikaa ibsa Roobii har’aa kenneen, gurmuun inni haaraan deggersa gamtaa Afriikaa fi ergama tasgabbeessuu Somaaliyaa ykn (AUSSOM) jedhamuun beekama. Gurmuun inni haaraan loltootaa, poolisii fi qaama siivilii 11,900 of keessaa qabaata jedhamee eegama. Gurumuun haaraan kun kan ergamni isaa baatii Muddee bara 2024 dhumatu gurmuu c’umsaa kan gamtaa Afriikaa yeroo ammaa bakka bu’uuf jira.

Gamtaan Afrikaa, grumuun inni haaraan ergamni isaa Bu’uura Tarsiimoo Gamtaa Afriikaa kan Ulaagaa fi Itti Gaafatamummaa, akkasumas seera mirga namoomaa naannoo fi sadarkaa addunyaa, seera gargaarsa namoomaa sdarkaa addunyaa, fi imaammata Gamtaa Afriikaa dhimmi ilaallatu kan eegu ta’uu ibseera. Yeroo ammaa gamtaan Afriikaa loltoota 2,000 Fulbaana 30 Somaaliyaa keessaa baasuuf karoorfatee jira. Gurumuun gamtaa Afriikaa Bitootessa baa 2007 humnootii naga eegdotaa Ugaanaan kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa gumaacha Itiyoophiyaa, ugaandaa, Burundii, Keeniyaa fi Jabuutii of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG