Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen ABUT Lamaan Kantiibaa Lama Magaalaa Maqaleef Muudanii Jiru


FAAYILII - Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay, Amajjii 5, 2020.
FAAYILII - Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay, Amajjii 5, 2020.

Gareen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay kanneen gam lamatti qoodaman bulchiinsa magaalaa Maqalee to’achuuf jecha Kantiibaa ofii ofii isaanii muudanii jiru.

Ta’uus garuu waajirri kantibaa ykn bulchaa magaa maqalee guyyoota darban sadiif balballii isaa cufamee barreeffamnii saamsameera jedhu irratti maxxansamee poliisitu eegaa jira. Doktor Radaa’ii Barihee garee Doktor Dabra Tsiyooniin hogganamuun dhiyaatanii baatii Onkoolooleessa dabree kantiibaa ta’uun muudaman.

Wiixata dabree immo prezidaantiin bulchiinsa yeroon Obbo Geetaachoo Raddaa, kantiibaa magaalaa Maqalee gochuun Obbo Birhana Gabra Yesuus muudan. Obbo Birhaanaan Wiixata dabree waajiira kantiibaa ennaan seenan hoggantootaa fi dargaggootaan simannaan taasifameefii ture.

Kifla katamaan torba kanneen maagaalatti jala jiran gama isaaniin ibsa walii wajjiin kennaniin, bulchiinsa yeroon kan muudaman Obbo Birhana Gabra Yesuus kan deggeran ta’u ibsan. Waajiiroonni bulchiinsa magaalaa kanneen biroon banaa ta’anii tajaajiila kennaa kan jiran yoo ta’u kanneen kantibaa ta’uun muudaman lameen guyyoota sadan dabrsniif waajiira akka hin seeniin jiran hojjattoonni bulchiinsa magaalatti ibsanii jiru.

Gareen Doktor Dabra Tsiyooniin hogganamuu kaleess agalgala ibsa baaseen mirgii uummataa kan mirkanaa’uu deemsa Deemookraatwaan bakka bu’oota isaa filateen jedhee jira. Hoggana mana mareef kanneen muudaman hojii isaanii akka hin gaggeessineef danqamaa jiruus jedheera.

Obbo Geetaachoo Raddaa gama isaaniin Doktor Radaa’ii Barhe aangoo seeraan alaa qabatanii hojii bulchiinsa yeroo danqaa jiru jechuun hojii kantiibaa akka hin gaggeessineef ugguuru isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti hogganoota muudamanii fi waajiira prezidaantii bulchiinsa yeroo biraa ibsa dabalataa argachuuf jecha bilbiluun akkasumas qaamaan argamuun yaaliin ta’e yeroof hin milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG