Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Gareen Dabratsiyooniin Durfamu Fonqoolcha Mootummaa Gaggeessaa Jira," Jedhu Geetaachoo Raddaa


Hogganaa Bulchiinsia Yeroo Tigraay, Obbo Geetaachoo Raddaa (faayilii)
Hogganaa Bulchiinsia Yeroo Tigraay, Obbo Geetaachoo Raddaa (faayilii)

Bulchiinsi yeroo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Radaatiin durfamu garee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kan Dr.Dabratsioon Gabramikaa’eliin durfamuu “fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira” jechuun himate.

Garee Oboo Geetaachoon durfamu kun Ibsa Dilbata darbe baaseen “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay baraaruuf mari’achuuf qophii dha malee aangoo qooddachuuf qophii mitii” jedheera.

Sagaleen Amerikaa bilbilaan akkasumas qaamaan argamuun deebii Dr Dabra tsiyoon argachuuf yaaliin taasisee hin milkoofne.

Dr.Dabratsioon Gabramikaa’el (faayilii)
Dr.Dabratsioon Gabramikaa’el (faayilii)

Gama kaaniin dhaabbileen waldaalee siivilii kan Tigraay torba kaleessa ibsa baasaniin, “walfalmiin hoggantoota ABUT gidduutti uumame hojiirra oolfamuu waliigaltee Piriitooriyaa irratti danqaa ta’a” jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr Dabaratsiyoon Gabramikaa’el tibbana kan wal argan yoo ta’u kunis Phaaphaasonni amantii ortoodoksii kan Tigraay maanguddummaan eega gidduu seenanii booda.

Angawoonni lamaan garaagarummaa isaanii karaa nagaa hiikuuf waadaa galuu isaanii Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee iraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG