Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Mirga Gaazixeesotaaf Falmu CPJn Itiyoopiyaan Walabummaa Presii Akka Kabajju Gaafate


FAAYILII - Waajjira CPJ Niiw Yoorkitti argamu, Onk 5, 20221.
FAAYILII - Waajjira CPJ Niiw Yoorkitti argamu, Onk 5, 20221.

Gamaaggama qabiinsa mirga namaa kan dhiyeenyaa irratti gareen mirga namaaf falmu CPJn angawoonni Itiyoopiyaa haala walabummaa presii fooyyessuu fi akkasumas nageenya gaazixeessotaa mirkaneessuuf yaadawwan kennaman akka simatuu fi hojiitti hiiku gaafateera.

Jalqaba waggaa kanaa irra CPJn galmee walabummaa presii fi nageenya gaazixeessotaa kan bara 2019 xiinxalu, akka qaama gamaaggama walii galaa Sadaasa 12f karoorfametti dhiyeessee jira.

Ennaa gamaaggamni kun dhiyaatu, gumiin mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa haala mirga namaa biyyattii keessaa xiinxaluu dhaan attamiin dirqama mirga namaa kan sadarkaa addunyaa guutuun itti danda’amu yaada dhiyeessee jira. Gabaasni CPJ’n Tokkummaa Mootummootaaff dhiheesse, gaazexeessitoonni Itoophiyaa akka ta’e jedhamee hidhamuu, haleellaa qaamaa, dararaa, fi uggura seeraa cimaa isaan mudatu bal’inaan ibseera. CPJn, gaazexeessitoota hidhaman hatattamaan gadhiisuu, haleellaa pireesii irratti raawwatamu qorachuu, jeequmsa gaazexeessitoota irratti raawwatamuuf itti gaafatamummaan akka jiraatu mirkaneessuu, fi seera ukkaamsaa jiru fooyyessuu dhaan ulaagaalee mirga namoomaa sadarkaa addunyaa waliin akka walsimu gochuu dabalatee yaada hedduu kennee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG