Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Gatii Boba'aarratti Daballiin Taasisame Jireenya Namootaa Miidhaa Jira Jedhan, Namoonni Sagaleen Ameerikaa Dubbise 


FAAYILII - Namoota gaazii waraabaa jiran, Waldiyaa, Muddee 7, 2020.
FAAYILII - Namoota gaazii waraabaa jiran, Waldiyaa, Muddee 7, 2020.

Itiyoophiyaatti Ministirri daldalaa fi walitti hidhatinsaa Kibxata darberraa kaasee daballii gatii boba’aa hojii irra oolu ifoomseen gatiin Beenzinaa Litiriin tokko birria 91 fi saantima 14 ture birria 101 fi saantiima 47 akka gurguramu, Naafxaan Litiriin tokko birrii Sgaltamaa fi Saantima 28 ture Biirrii 98 fi saantima 48 tti akka gurguramuuf goosota boba’aa biroo irrattis daballii taasiiseera. Konkolaachistoonnii fi jiraattoonni sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan daballiin boba’aa irratti taasifame kun Jireenya namoota uummataa irratti dhiibbaa qabaachuu himaniiru. Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta’an Obbo Yiisiyaaq Abirahaam sagalee Ameerikaatti akka himanitti daballii gatii boba’aa hordofee gatiin shaqaxootaa fi kanneen biroos akkasuma waan dabalaniif jireenya namootaa ni ulfeessa jedhan.

Hojii tajaajila Geejibaa kan Meetir Taaksi jedhamu irratti bobba’ee namni jiru tokko maqaan koo akka hin himamne jedhe immoo hojii keenya irratti dhiibbaa fida tajaajilamtoonnis gatiin waan itti dabaluuf geejiba keenya fayyadamuu dhiisu jechuun himeera. Namoonni sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan kunneen mootummaan gatii qaala’ins jireenyaa uummataa tasgabeessuu irratti osoo xiyyeeffate gaariidha jedhaniiru. Sgaleen Ameerikaa dhimma kanarratti Ministira daldalaa fi walitti hidhansa naannoo irraa ibsa dabalataa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Manni maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa immoo guyyaa har’aa wixinee Labsii gatii bu’aawwan boba’aaf ba’e mirkaneesseera. Labsiim anni marichaa mirkaneesseenis dhiyyeessii bu’aalee boba’aa, kuusaa fi raabsaa akkasumas nageenyi fi qulqillinni boba’aa sadarkaa idil addunyaa eeggate taasisuu kaayoo isaa akka ta’ee fi Raabsa bu’aalee boba’aa irratti fichisiisuu isaa irraa jalqabe hanga fayyadamtoota bira ga’utti sirni bittaa fi gurgurtaa isaa Teekinooloojiin akka deeggaramu kan taasiisudha, kunis rakkoo bittaa fi gurgurtaa boba’a irratti mul’atu hambisuufidhas jedha jechuun Finfinnee irraa Gebire Mikaa’eel Gebire Mikaa’eelitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG