Manni maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa shororkeessummaan kan himatee fi kan mootummaan “ABO Shanee” ittiin jedhu gareen “Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhee , of waamu godina Qellem Welleggaa aanaa Gidaamii to’atee ennaa turetti ajjeechaa raaw’ateen awwaalchi jamaa namaa dhumanii argame, jechuun bakka bu’aan bulchiinsaa fi itti gaafatamaan waajjira blchiinsa godinichaa obbo Ibsaa Bashaa beeksisan.
Paartileen syaasaa Itiyoophiyaa namoonni gocha sana raawwatan seeratti akka dhiyaatan, kanneen miidhaan irra ga’eefis beenyaan akka baafamu gaafatan. Waajjirri Bulchiisaa fi Nageenyaa naannoo sanaa yeroo ammaa Gidaamiin hidhattoota sana irraa walaba jedhan. Waajjirri bulchiinsaa gosinb Qellem Wallaggaa gma isaan hojjettoonni mootummaa 80 ta’an hidhattoota sanaan iggitaman, jedhu. Dubbi himaan idil addunyaa WBO, Odaa Tarbii gama isaaniin gochaa gurmuun isaanii raaw’ate jedhame kana haalaniin jiru.
Guutummaa gabaasichaa hordofaa