Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Gindabarat Keessaa fi Ajjechaa Aanaa Baabbillee


Faayili - Hiriira Mormii Oromiyaa
Faayili - Hiriira Mormii Oromiyaa

Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat irraa jilli ka’e Oromoota sababaa walitti bu’iinsa daangaan buqqa’anii naannoo Adaamaa qubatan gargaarsa dhaqqabsisuuf imaltuu jalqaban yeroo ulaa sakata’aa Burraayyuu ga’an raayyaan waraana biyyaa uffata aadaa uffannee nu irraa baasee alaabaa Abba Gadaa nu harkaa ciruun nu doorsiisan jedhu.

Dhuma irratti jila sana keessa kan turan daldalaa beekamaa magaa Kaachis kan ta’n Obbo Takiluu Asaffaa hidhan jedhu.Sababaa Kanaan har’a magaalaa Kaachis keessatti barattonni hiriira mormii gaggeesuun beekamee jira. Bulchiinsii aanaa Gindabaratis nama kana hidhuu fi kan jilli nu irratti raawwatame jedhan ta’u hin malle jedha.Kanaafis Obbo Takiluu Asaffaa akka hiikaman gaafata.

Gam akaaniin Harargee Bahaa aanaa Baabbilee araddaa Al Shariif keessatti namoota Liyyuu Haayle ajjesee 4 sana booda galgala kanneen biroon lama Sheek Huseen fi Bisidimoo keessatti ajjefamuun ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Hiriira Mormii Gindabarat Keessaa fi Ajjechaa Aanaa Baabbillee
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:14 0:00

XS
SM
MD
LG