Bara 2024 kana keessa godaantoonni galaanarraan gara Ispeenitti cee’uuf imalaa turan yoo xiqqaate kanneen baay’inni isaanii 10,457 ta’an du’aniiru ykn gaalana keessatti dhidhimuun dhabamaniiru jedhe dhaabbanni miti mootummaa kan mirga godaantootaaf falmu Kaminando Fronteraas inni Wookiingi Boordees jedhamu. Akka gabaasa isaattis bara 2007 irraa jalqabee galmeessuu kan jalqabee fi lakkoofsi godaantoota du’anii kun isa bara darbeerra dhibbeentaa 50 ol dabaleeras jedheera.
Ji’a Amajjii 1 irraa hanga Muddee 5, bara 2024 tti daa’imman 1,538 fi dubartoota 421 dabalateetu osoo galaanarraan imalaa jiranii du’aniiru yookanimmoo achi buuteen isaanii dhabameera jedhee bara kana dhibbeenta 58’n isa bara darbeerra dabaleeras jedhe. Bara 2023 tti gidduu galeessaan godaantoonni 18 guyyaatti du’aa kan turan bara kana guyyaatti gidduu galeessaan godaantonni 30 du’aniirus jedheera.
Ragaawwan kanneen sarara quunnamtii yeroo rakkinaa diriirfameeruun godaantoonni yommuu gargaarsaaf waammatan, maatii godaantootaa fi qondaaloota baraarsitoota irraa argachuu kan ibse dhaabbatichi , duuti hangasii akka galmaa’uuf bidiruuwwan dadhaboo ta’an daandiiwwan galaanarraa balaa geessiisan irra imaluu fi dandeettiin baraarsitoota gaalanarraa gahaa ta’uu dhabuun akka sababaatti ka’as jedheera.
Godaantoonni kunneen baay’inaan biyyoota Afiriikaa 28 irraa akkasumas Iraaqii fi Paakistaan irraa akka ta’anis gabaasa isaa keessatti eereera.
Forum