Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa Gadii Daangaa Morokoo fi Speen Giddu Jiru Haleelanii Poolisiidhan Walitti Bu'an


Dallaa daangaa Speen godaantoni cehuudhaa yaalan, Amajjii 1, 2017
Dallaa daangaa Speen godaantoni cehuudhaa yaalan, Amajjii 1, 2017

Godaantonni biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii yoo xiqqaate 800 ta’an Dilbata Amajjii 1 bara 2017 dallaa daangaa biyya Morokoo fi Speen giddu jiru haleeluu isaanii aangawoonni biyyoota lameenii ibsanii jiru.Godaantoonni kun dhagaa fi sibilaan gargaaramuun dallaa sana cabsuuf yaalaa turan.

Polisoonni Speen shanii fi kan Morookoo shantamnii godaantoota kana waliin walitti bu’anii kan mada’an yoo ta’u kanneen keessaa kudhan akka hamaatti ta’uun beekamee jira.Mootummaan Speen akka jedhutti godaantoota keessaa lama hospitaalaa magaalaa Ceuta kan Speen seenuun wal’ansa fayyaa akka argatan ta’eera. Kanneen biroon garu gara Morokootti deebifaman jedha.

Speen godaantoota kana gara Morookotti deebisuu ishee gareeleen mirga dhala namaaf falman qeeqanii jiru.

XS
SM
MD
LG