Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Oomoo Kibbaa Aanaa Saalaamaagoo Keessaa Haati Tokko Al Tokkicha Ijoolle Afur Da’an


Godina Oomoo Kibbaa Aanaa Saalaamaagoo Keessaa Haati Tokko Al Tokkicha Ijoolle Afur Da’an
Godina Oomoo Kibbaa Aanaa Saalaamaagoo Keessaa Haati Tokko Al Tokkicha Ijoolle Afur Da’an

Abbaan Warraa aadde Maartaa Taakkelee obb Anjiloo Addisuu VOA dhaaf bilbilaan akka himanitti, haati warraa isaanii kan umuriin wagga 29 akka tasaa miixuun qabnaan hospitaala erga seentee booda miixuu sa’aatii dheeraa booda da’uu waan hin dandeenyeef hospitaala walii galaa Jiinkaatti wal’aansa baqaqsanii hodhuutiin ijoollee afur deesse jedhan.

Daayiriktera hospitaala Jiinkaa walii galaa kan ta’an Doktor Biniyaam Asraat, aadde Maartaa Taakkelee erga ulfooftee ji’a sadii qabee hospitaala sanatti hordoffii geggeessaa kan turte ta’uu ibsanii, ennaa ulfa turte Altraasaawundii dhaan kan mul’ate daa’ima sadii ta’us ennaa wal’aansa baqasanii hodhhuu daa’imman afur akka deesse ibsaniiru.

Haati warraa isaanii galii dhaabbataa kan hin qabaanneef manuma keessa kan teessu ta’uu fi isaanis maatii isaanii hojii humnaa hojjechuun galii argataniin kan deggeran akkasumas mucaa dhiiraa wagga afurii akka qaban kan ibsan obbo Anjeloon, amma immoo yeroo tokkicha abbaa ijoollee afurii ta’uun koo na gammachiisus, akkamiin akkan guddisu garuu bita natti galeera jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Hamma ammaatti iyyuu kan jiraannu gargaarsa uumaa fi haati warraa koo hojii humnaa hojjettee kan nu gargaartuuni jechuun itti dabaluun ibsaniiru.

Daa’imman dubaraa lamaa fi dhiirri lama ji’a sagal guutanii kan dhalatan ta’uu doktorichi beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG