Golli Naga Eegumsa Kibbi Sudan Miseensa Koo Haa Taatu Jedhe
Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa kan sanbata darbe bilisummaa ishee labsatte kibbi Sudan miseensa akka taatu yaada dhiyeesse. Gumiin walii galaamurtii xururaa irra ga’a jedhamee eegama.
Sudan kibbaa miseensummaa tokkummaa mootummootaa akka argattuu yaada dhiyaate wixinee murtee miseensonni gola naga eegumsaa kudha shananuu raggaasisanii jiran.
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Ban Ki-moon akkuma biyya haaraa tokkoo kibbi sudaanis gargaarsa barbaaddi jedhan.
Tokkummaa mtummootaatti bakka buutuun US Sudan Rice golli naga eegumsaa fi mootummaan koo yeroo barbaachisaa kanatti Republikii kibba Sudan gargaaruuf kutannee jirra. Angawoonni kaaba Sudaanis baga Sudan kibbaan baga gammadde jedhaniiru. Gabaasa guutu MP3 tuquun dhaggeeffadha.