Naannoo Amhaaraa godina Gondoritti buufata baqqattootaa Awulaalaa fi Kumeer keessa kan turan baqattoonni lammiilee Sudaan buufata baqattootaa kana keessaa ba’uun jireenya isaanii daandii irra kan taasifataniiran torbaan darbe gaafa Jimaataa Adooleessa 26 bara 2016 galgala haleellaa hidhattootaan irratti raawwatameen namoonni 12 madaa’uu isaanii namni baqattoota keessaa tokko ta’uu isaanii kan himan Abudulsamad Naasiir bilbilaan sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.
Akka Abduulsamad jedhanitti haleellichi galgala keessaa nananoo sa’aatii tokkootti hidhattoonni lakkoofsaan Kudhan ta’anii fi kan eenyummaan isaanii hin beekamne dhukaasa bananiin balaa ga’e jedhanii namoota miidhaan irra ga’e hospitaala naannoo sanaatti geessuu himanii namoonni Afurimmoo yaala fooyya’aa barbaacha Dilbata kaleessaa gara Gonderitti ergamaniirus jedhan. Baqataan lammii Sudaan biraan yaada isaa Sagalee Ameerikaaf ibse wayita hidhattoonni kunneen halleellaa nuratti banan dunkaana keessa jiraannu dabalatee qabeenyaalee gaatii baasanillee nu jalaa saamaniiru jedhaniiru.
Sababa rakkoo nageenyaa fi hanqinni tajaajilaa nu mudateera jechuun baqattoonni lammiilee Sudaan kun buufata baqttootaa Awulaalaa fi Kumeeriin gadhiisaanii jireenya isaanii daandiirra godahatan amma ji’oota sadii akka lakkoofsiisan dubbataniyyuu yeroo garaa garaatti haleellaa isaanirratti raawwatamus ibsaniru. Bulchaan aanaa Matammaa Obbo Dassaaleenyi Moges dhimmicha erga qulqulleeffanneen booda ibsa irratti kennina jedhanii baqattoonni kunneen buufata baqattootaa haaraa bakka Afxiix jedhamutti qophaa’eefiitti akka galaniif mariisiisaa jirras jedhaniiru.
Halleella baqattoota lammiilee Sudaan kanarratti raawwatame irratti yaada gama Itiyoophiyaatti tajaajila dhimma baqqatootaa fi kanneen baqarraa deebi’anii irraa akkasumas dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishinii dhimma baqattootaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Gebire mikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase. Jimaata darbe qarqara Galaanaa Somaaliyaa keessatti haleellaa Alshabaabiin fudhatamee lubbuu namoota 37 galaafate mormuun Wiixata har’aa Magaalaa Moqaadishootti hiriirri Mormii taasifameera.
Forum