Xurree ittiin seenan

 
Goojjam Kaabaa Keessatti Barsiisonni 13 Hidhattoota Faannootiin Butamanii Fudhataman, Jedhu Maatii Fi Hoogganoonni 
Breaking News

Goojjam Kaabaa Keessatti Barsiisonni 13 Hidhattoota Faannootiin Butamanii Fudhataman, Jedhu Maatii Fi Hoogganoonni 


NAANNOO AMAARAA
NAANNOO AMAARAA

Bulchiinsa naanoo Amaaraa godinaa Goojaam kaabaa, magaala aanaa Gonjii Qolelaa kan taatee Adis Aleem irraa baka Kiilomeetrii 9 fagatu irratti kan argamuu manna baruumsaa sadarkaa tokkofaa Koree jedhamee beekamuu keessa kan baarsisan barsiisonni 13 garee hidahootaa Fannoo jedhamuun butamanii fudhatamuu isaanii maatiwwaan isaanii sagalee Amerikaatti himaniiru.

Nageenyaa isaanitiif jechaa maqaa isaanii himuu kan hin barbaannee maatiiwwan barsisoota, kanaa akka jedhaniitti barsissonni kan butamanii fudhataman Roobii dheengaddaa Guraandhala 5 bara 2017 ganamaa.

Nammii wagga 72 tokko haadha daa’imaawwan lamaa kan taatee mucaan isaanii kanneen butamanii fudhataman keessaa tokko akka taate sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Haadha daa’imaawwan Sadii kan taatee haati warraa obboleesaa isaanii butamtee fudhatamuu ishee sagalee Amerikaatti kan himan nammi biroo, hidhatoonii barsiisotaa ukaamsanii fudhatan garaa bakka gammoojjii “ Tegoda” jedhamuutti akka geesaan sagalee Amerikaatii himaniiru.

Roobii dhiingadaa ganama Saa’atii lamma irratti barsiisonni hidhatootaan butamanii fudhataman dhiirota Shanii fi dubartoota sadeetti akka ta’an kan sagalee Amerikaatti himan nammii biroo dubartootaa 8 keessaa Sadan isaanii kan harma hoosisan akka ta’an ibsaniiru.

Hogganaan barsiisotaa mana baruumsaa sadarkaa jalqabaa Koree obbo Terefee Abejee deebii bilibilaan sagalee Amerkaatiif kennaniin barsiisonii butamanii fudhatamuu isaanii mirkaneessanii odeeffannoo bal’aa kennuu akka hin barbaannee himaniiru.

Dhimma kana irratti bulchaa aanaa Gonjii Qolelaa obbo Geetaacheewu Dagafaa irraa odeeffannoo argachuudhaaf yaaliin taasifamee akka hin milkoofnee Asteer Misgaanaawu gabaasitee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG