Xurree ittiin seenan

Breaking News

Goondor Kaabaa, Dabaarqii fi Daabat Keessati Lolli Geggeeffamaa Jira Jedhame


Bulchiinsa Naannoo Amaarraa Godina Goondor Kaabaa naannoo Dabaarq fi Daabat keessatti Wiixata Kaleesaatii kaasee amma Qibxata har’aatti lola humnoota mootummaa fi garee hidhattoota Faannoo jedhamee beekkamu gidduutti taasifamaa tureen namoottan Saddeet du’anii 30 kan ta’an immoo madaa’uu isaanii namoottan ijaan arganii fi maddawwan Hospiitaalaa Sagalee Ameerikaatti himan.

Aanaa Daabatiitti Duraa Taa’aa Jiraattota Ganda Cilaa kan ta’an, Obboo Minaalee Gibneh lolichii taasifamuu ibsaanii haleellaa meeshaa waraanaa gurgudaatiin manooottan jireenyaa jaha mancaa’uu isaanii ibsaniiru.

Jiraattonii Magaalaa Dabaarq namoottan sagal ajjefamuu isaanii akka arganii Sagalee Ameerikaatti kan himan yemuu ta’u, Hogganaa Olaanaan Bulchiinsa Hospiitaala Dabaarqi, Obboo Alee Amlaak, hidhaatoota dabalatee namoottan madaa’an 30 ta’an gara hospitaalichaa dhaqanii waldhaanamuu isaanii VOAti himanii namoottan kana keesaa da’imaniis akka argaman dubbataniiru. Kaneen keesaas hidhataan tokkoo fi namii nagaa tokko du’uu isaanii ibsaniiru.

Namoottan ittu gara hospitaalaa hin ga’in du’an keesaa namoonii jaha guyya har’aa awwalamuu isaaniis bulchaan hospitaala Dabaarqii dabalanii VOAti himaniiru. Jiraattonnii magaalaa Dabarqii fi Daabat Sadii akka VOAti himaniitti magaalota lamman kana keessatti guyyoottan lamaaf hojiim mootummaa fi kan dhuunfaa cufamee jira.

Aanaa Daabat mooraan baqatoonni Eertiraa 20,000 ta’an kan keessa jiraatan, Alemwaac, kan keessatti argamu yemuu ta’u lola ammaa kanaan miidhaan baqatoota kan irraa gahee akka hin jirre kantiibaan magaalichaa fi itti gaafatamaan dhaabbataa baqatootaa kan Mootummoota Gamtoomaanii, Obboo Mulugeetaa Gebresilaasee VOAti himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG