Harargee Lixaa aanaa Doobbaa araddaa Bilisummaa jedhamu keessattis hiriirri geggeessamuu isaa jiraataan gamasii nuuf ibsanii jiru.
Harargee Bahaa aanaa Gurawaa Araddaa Ifa Baatee keessatti hiriirri geggeessamuu Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessattis guyyoota sadan darban keesssa haala magaalattii keessatti uumame jiraattonni magaalaalee kanaa ibsaniiru.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii magaalaa Gidaamii keessatti barattoonni magaalattii kaleessa hiriira geggeessuu isaanii jiraatan magaalattii ibsuu dhaan tarkaanfii humnoonni mootummaa hiriirtota irratti fudhataniin barataan tokko rasaasaan madeessamee gara hospitaala Dambi Dollootti geessamee jira. Har’a ganda Burii keessatti mormii ka’e irrattis namoonni gara shanii du’uu isaanii dhaga’een jira jedha jiraataan tokko.
Shawaa Lixaa aanaa Midaa Qanyii fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaalaa Aliiboo keessatti hiriirri mormii geggeessamee jira.
Godina Gujii magaalaa Nageellee Booranaatii fi aanaalee Liiban dablee ganda akka akkaa keessatti ummatii hardhallee hiriira mormii bahee rakkoo himate jedhama.Waan ummati gaafate jedhan keessaa; ijjeechaan haa dhaabbattuu,nama ijjeefameef gumaan haa bahuu,Alamuddiin qabeenna ummataa naannoo Shaakkisoo,Okkoteetii fi naannoo gara garaatii saamuu akka dhaabu fa.
Akka jiraattotii jedhanitit hiriira hadhaa poolsiin qawwee tokkosaa,nama dhaanaa, hidhaa bittinneessan.Nama asi copxhee dhaban jedhan keessaa barataa yuniverstii Galgaloo Diidaatii fi barataa sadarkaa lammeessoo Saara Jaarsoo,Dhaddacha Tullichaa fa.
Hiriirii akkanaa dhiyoollee akka jiraattotii jedhanitti Dhakaa-Qallaa, Irreessa Geeddii, Hadheessaa-Qoraattii, Bulbul,Booba,Simintoo fa.
Taatullee akka itti aanaan Poolisii aanaa Liiban saajjin Mikaahel jedhutti hiriirii hin jiruu,ka kanaa fi hidhamee fi asi cophxeen dhabamtelleen hin jiruu warrii hiriiratti jira jedhellee dhara dubbate.
Gama biraan immoo Manni hidhaa magaalaa Amboo keessa jiru jimaata darb e gubachuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Mana hidhaa kana keessa hidhamtoonni kuma 4 ta’antu jira jedhu jiraattonni.
Erga Jimaataa as maaltu Amboo keessa jira ka jedhu illee jiraataan magaalattii nuuf ibsaniiru. Manni hidhaa Amboo kun gubachuu kan ibse mootummaan Itiyoopiyaa ittiin ka’umsi gubannaa kanaa maal akka ta’e qoratamaa jira jedha. Ministeerri waajjira Kominikeeshinii Itiyoopiyaa obbo Geetaachoo Raddaa Gaazexaa Riporter jedhamuuf akka ibsanitti gubaatiin ga’e lubbuu namaa iorratti miidhaa hin geesifne. Hidhamaan miliqee ba’es hin jiru. Manni hidhaa kun gubachuu dhaan wal qabatee magaalaa Amboo keessa tasgabii dhabiinsi akka tures ibsaniiru.