Hundeeffamuu waldaa Tokkummaa Afrikaa bara 1963 yaadachuu dha oggaa oggaadhan Caamsaan 25 guyyaaa Afrikaa jedhameet kabajama. Guyyaan Afrikaa han bara 2016 mirga dhala namaa keessumaattuu mirga dubartootaa kabajuu irratti akka xiyeeffa. Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsa harra baaseen "Ayyaani kun mirga dubartootaa irratti xiyyeefachuun isaa hoggaantoonni biyyoota Afrikaa ammam dhimma dubartootaati dursa kennauu isaanii agarsiisa," jedha.
Karoora guddinaa han Tokkumaan Afrikaa fi Tokkumaan mootummoota gamtoomanii basaan bakkaan gahuu dha hirmaanaa dubartootaa irratti xiyyeefachuun hoggantoota Afrikaa kun murtii gaariidha jedha, ibsichi. Dubartooni dhimma kana akkamitti laalan laata? Jijiirama akkamii hoo eegan? Dura teechuu Ijaarsa Dubartoota Oromoo Addunyaa, Aaddee Dinqinash Dheeressa dubbisneerra.