Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Dhukkuba Sombaa Sadarkaa Addunyaatti Yaadatamee Oole


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Guyyaa Dhukkuba Sombaa yokaan Tiyuuberkiloosisa har’a sadarkaa Addunyaatti yaadatamee oole ilaalchisuun kan ibsa baase, Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa ka Tokkummaa Mootummootaa duulli dhukkuba Sombaa irratti geggeessamaa akka milkaa’ina dhabe eeruudhaan, dhukkuba yeroo dheeraaf ture, kan waggaa waggaatti namoota miliyoona tokkoo ol ajjeesu kanatti xumura gochuuf tarkaanfiin fudhatamuu qaba, jedhee jira.

Kan hoogganoonni Addunyaa, dhukkuba Sombaa bara 2022tti guutummaatti dhabamsiisuuf karoorfatanii turan dhaqqabuuf waggaa tokkoo gadi kan hafe yoo tahu, yeroo karoora sanaatti dhugoomsuun akka dadhabame dubbata – Jaarmayichi Addunyaa.

Namoota dhukkuba Sombaan qabaman adda baasuu, qorachuu fi dawaa lubbuu oolchu dafanii kennuu irratti, weerarri Koovid 19 dhiibbaa gochuu dubbatu, aangawoonni Fayyaa Addunyaa.

Weerarichi Koronaa caasaa tajaajila fayyaa fi caasaa hawaasaa addaan kutuu isaa irraa kan ka’e to’annaa dhukkuba TB baay’ee miidhe, jechuun ibsan ogeeyyiin Jaarmayichaa.

Bara 2020tti, biyyoota 84 keessatti namoota gara miliyoona tokkoo fi qabxii afurii tu, tajaajila wal’aansaa silaa argachuu danda’an irraa addaan cite, jedhan.

XS
SM
MD
LG