Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haasaa Bira Taruun Hojii Hojjetaa Jirra: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed


Hasawaa dhageessisuu fi waadaa seenuu bira taruu dhaan tarkaandii qabatamaa hojii irra oolchaa ka jiran ta’uu muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyi Ahimed beeksisaniiru.

Bakka bu’oota jiraattota magaalaa Gondarii fi Baahir Daar waliin marii geggeessaniin gaaffii eenyummaa Walqaayit waliin wal qaatee gaaffii ka’eef deebii kennanii jiru.

Galma Mileeniyemii keessatti kana dura ennaa haasaa dhageessisan hawaasichi bulchiinsa isaanii irraa abdii qabaachuu muummichi ministeeraa Abiy tuqanii fedhii uummataa gama maraan guutuuf cichaan hojjenna jedhan.

Haasaa bareedaa dhageesisuun ala waan hojiitti hiikame hin argine kanneen jedhan garuu dogoggoraniiru jedhanii jiran.

Haasaa Bira Taruun Hojii Hojjetaa Jirra: Muummicha Ministeeraa Abiy Ahimed
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:25 0:00

XS
SM
MD
LG