Aangawoonni Somaaliyaa, kaleessa, gabaa guddaa magaalaa Moqdishoo tokko keessatti konkolaataan dhuka’aan keessatti hidhame tokko dho’uu isaatiin yoo xiqqaate namoonni soddomni dhumuu isaanii fi kanneen kuma kuran hedduutti lakkaawaman madaa’uu beeksisanii jiran.
Kaleessa galgala, gabaa how’aa aanaa waajir keessa jiru tokko keessatti ture – konkolaataan dhuka’aan guutume sun ka dho’e.
Aangawoonni naga-eegumsaa fi namoonni ijaan argan akka jedhanitti, namoonni balaa sanaan dhuman irra-jiriin uummata siivilii, daldaltoota Suuqii fi loltoota mootummaa ti.
Haga ammaatti, qaamni haleellaa sanaaf itti-gaafatama fudhate jiraatuu baate iyyuu, aangawoonni garee Al-shabaab balaaleffatan.
Prezidaantiin Somaaliyaa haaraan – Mohaammed Abdullaahii Farmaajoo, “haleellaan kun bineensummaa Al-shabaab agarsiiisa” jechuudhaan dubbii cimaadhaan balaaleffatan.