Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Wallaggaa Baha fi Naannoo Isheetti Raawwatameen Lubbuun Namootaa Baduun Gabaasame


Faayilii - Lixa Oromiyaa
Faayilii - Lixa Oromiyaa

Godina wallaggaa bahaa aanaa kiramuu gandeen Haroo Addis Aleem, Shakkee guddinaa fi Lalistuu Somboo jedhamu keessa xumura torban darbee humnoonni hidhatan haleellaa raawwataniin manneen jireenyaa gubachuu fi lubbuun namaa baduu jiraattonni ganda Haroo dubbatanii jiran. Jiraattonni kun yeroo ammaa ganda keenya irraa baqannee magaalaa Kiramuu jirra jedhu namni Oromoo Fayisaa jedhaman.

Jiraataa Ka biroo obbo Mullataa Wakjiraa jedhamanis haaleellaa sana jalaa dheessinee yeroo ammaa magaalaa Kiramuu keessa jirra jedhu.

Miseensotoa maatii kootii nama sagaltu na duaa ajjeefame kan naan jedhan immoo Yunaayitid Isteetis kutaa Pensalvaaniyaa magaalaa Laankaaster keessa jiraatan aadde Badhaadhee Qana’ii, gadda guddaatu maatii koo irra ga’e jedhan.

Hoogganaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa deebii gama mootummaa kennaniin, walitti bu’iinsi sun kan jalqabame ennaa gareen ABO Shanee jiraattota ajjeesetti jedhanii, finxaaleyyiin Amaaraa bosona jiran illee namoota ajjeesanniiru jedhan.

Haleellaa Wallaggaa Baha fi Naannoo Isheetti Raawwatameen Lubbuun Namootaa Baduun Gabaasame
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:45 0:00


XS
SM
MD
LG