Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Keellaa Waraana Somaaliyaa Cinatti Raawwatame Lubbuu Galaafate


Ambulaansii namoota haleellaadhan madaahan hoospitaala geessaa jiru, Somaaliyaa, Amajjii 15, 2021
Ambulaansii namoota haleellaadhan madaahan hoospitaala geessaa jiru, Somaaliyaa, Amajjii 15, 2021

Kibxata har’aa ganama of wareegaan tokko mooraa leenjii waraanaa kan Moqadishoo kiggaatti argamutti boombii ofitti dhoosuun gabaasamee jira.

Maddeen naga eegumsaa lama VOA sagantaa afaan Somaleef akka ibsanitti namni huccuu filatamtoota loltootaa uffate tokkotu boombii hidhatee ture ofitti dhoose.

Namni boombii sana ofitt dhukaase loltoota kanneen keellaa mooraa sana turan waliin walitti makamaa kan ture ta’uu miidiyaatti akka dubbataniif eeyama kan hin qabaannee fi maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan angawaan waraanaa tokko ibsanii jiran.

Balaan kun kan raawwatame, daandii mooraa sanaa irratti malee mooraa sana keessatti miti jedhan angawaan waraanaa kun. Mootummaan Somaaliyaa akka jedhetti yoo xiqqaate filatamtoonni waraanaa 10 yoo du’an kanneen biroon balaa madaa’uu hamaan kan irra ga’e hanga tokko dabalatee miidhamanii jiran.

Seera tumtoonni Somaaliyaa fi ministeerri naga eegumsa duraanii Abdirazaaqa Omar Mohamed ergaa tweeter irratti maxxansaniin, haleellaa boombii sanaan namoonni 20 madaa’aniiru jedhan. “It happened at the road in front of the camp, not inside,” the officer said.

Mooraan waraanaa sun, kan duula al-Shabab irratti geggeessamuun Hagaya bara 2021 Mqaadishoo keessaa akka ba’an dirqiseese hoogganaan maqaa itti aanaa ajajaa waraana duraanii Jeneraal Abdikariim Yusuuf Dhagabadan moggaafame. Dhagabadaan bara 2015 haleellaa al-Shabab hoteela Moqadishoo irratti sadaasa bara 2015 raawwateen ajjeefaman.

Gama biraan manni murtii Puunt land namoota 17 kanneen miseensota al-Shabaab fi shororkeessummaa ta’an ittiin jedhetti adaba du’aa muree jira. Himatamaa 18ffaan hidhaa umurii guutuun adabame. Manni murtichaa akka jedhetti kanneen kun waggoottan hedduuf Puntland keessatti ajjeechaa fi haleellaa geggeesaa turan.

Namoonni kunis yakka shororkeessummaa raawwatan jedhame amananiiru jedhe mani murtichaa. Firoottan isaanii garuu akka amananiif dirqisiisaman jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG