Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boorana, Aanaa Areeroo Keessatti Liyyu Poolisii fi Humna Federaalaatiin Halellaa Geggeessame Jedhameen Namoonni Garii Du’anii Kaan Madaawan


Godinaa Booranaa, aanaa Areeroo keessatti haleellaa Liyyuu Poolsii, ka naannoo Somaalee fi humnoota Federaalaa mallayyoo diimaa keewwatan, kanneen Agaazii Jedhamuun beekamaniin haleellaa nu irratti geggeessameen, namoonni kudhanii ol nu irraa ajjeesamanii digdamaa ol madaawan, jechuun jiraattonnii fi namoonni walitti-bu’insa sana keessatti madaawan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Namoonni kun akka jedhanitti haleellaan kun fuulaa sadi’iin, jechuun Dirree Diimaa, Bonqooraa fi Kubi Dhuuntii jedhamutti geggeessame. Ka Dirree Diimaa fi Bonqoraa Liyyuu Poolsii Somaaleetiin, ka Kubii Dhuuntii immoo humna federaalaa “Agaazii” jedhamuun. Waajirri nageenyaa aanaa Areeroos, haleellaan bakkawwan sadeenitti geggeessamuu mirkaneessee, “meeshaalee guguddaadhaan uummata nagaa irratti haleellaan geggeessanii garii ajjeesanii kaan madeessan.” Jedhee jira. Keessummaa haleellaa Kubii Dhuuntiitti geggeessame keessa humni “Agaazii” jedhamu, ka mallayyoo diimaa keewwate jiraachuu namoota lol sana keessatti madaawan irraa dhageenyee jirra, jedhu – qondaalli nageenyaa aanaa Areeroo.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

Boorana, Aanaa Areeroo Keessatti Liyyu Poolisii fi Humna Federaalaatiin Halellaa Geggeessame Jedhameen Namoonni Garii Du’anii Kaan Madaawan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:07 0:00

XS
SM
MD
LG