Xurree ittiin seenan

Breaking News

Halkan 3ffaa Yaa’ii Biyyoolessaa Dimookiraatotaa


Kaadhimamaa Itti Aanaa Pirezidaantii Yunaaytid isteets, Tiim Wooltis duula filannoo irratti, Wiskaansan, Hagayya 20, 2024.
Kaadhimamaa Itti Aanaa Pirezidaantii Yunaaytid isteets, Tiim Wooltis duula filannoo irratti, Wiskaansan, Hagayya 20, 2024.

Kaadhimamaan Itti Aanaa Pirezidaantii Tiim Wooltis Haasaa Dhageechisuuf Jiru

Halkan sadaffaa Yaa’ii biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti, kaadhimamaan itti aanaa pirezidaantii Tiim Woolts fi pirezidaantii duraanii Biil Kilinten, ennaa paartiin isaanii mata duree “walabummaa keenyaaf falmuu” ka jedhu irratti fuuleffatee jirutti kanneen haasaa ijoo dhageessisan keessaa ti.

Bulchaan Minnisootaa Woolts, dhaggeeffattoota biyyoolessaaf kan of beeksisan yoo ta’u, marsaa lammataaf filatamuun Doonaal Tiraamp balaa qabaachuu isaa fi walabummaa lammiiwwan Ameerikaaf sodaachisaa ta’uu isaa cimsanii dubbachuuf jiru.

Kiliinten, hoogganoota Dimokraatotaa kan akka Piit Butejej, Naansii Peloosii fi Haakiim Jefrii waliin ta’uu dhaan ergaa sana guddisanii dhageesisuuf jiru. Galgalli har’aa haasaawwan bulchaawwanii fi senaateroota akkasumas kanneen biroon, filannoon dhufaa jiruu dhiibbaa inni dhunfaa isaanii mirgaa fi walabummaa dhuunfaa isaanii irratti qabaatu ilaalchisee kan itti sagalee dhageesisan ture.

Forum

XS
SM
MD
LG