Xurree ittiin seenan

Breaking News

Halkan Lammaffaa Yaa’ii Biyyoolessaa Dimokraatotaa


Abbaa Warraa itti Aantuu Pireezdaantii Yunaaytid Isteets Doog Emhoof, Chikaagoo, Hagayya 20, 2024.
Abbaa Warraa itti Aantuu Pireezdaantii Yunaaytid Isteets Doog Emhoof, Chikaagoo, Hagayya 20, 2024.

Halkan lammaffaa yaa’ii biyyoolessaa Dimokraatotaa irratti, kutaaleen biyyaa Kaamila Hariis fi kaadhimamaa itti aanaa prezidaantii Tiim Woolts kaadhimamtoota prezidaantummaa Yunaayitid isteetis akka ta’aniif sagalee isaanii kennaniifii jiran.

Yaa’iin biyyoolessaa paartii dimokraatotaa Kaamila Hariisiin kaadhimamttuu prezidaantii gochuun sirnaan mul’inatti moggaasuuf jira. Hariis Miliwaakii, Wiskaansen bakka duula filannoo itti aanaa kaadhimamaa prezidaantii Tiim Woolts waliin geggeessanitti kaadhimummaa isaanii simataniiru.

Duula nafiladhaa kutaa Wiskaansanitti harra geggeeffame, Hagayya 20, 2024.
Duula nafiladhaa kutaa Wiskaansanitti harra geggeeffame, Hagayya 20, 2024.

Hoogganaan Senetii Shaak Shuumer dimokraatonni prezidaantummaa qofa utuu hin taane mana maree bakka bu’otaa fi mana maree murtii seeraa dhuunfachuu irratti akka fuuleffatan gaafataniiru.

Seneter Bernii Saanders lola dhaabiinsi Gaazaa keessatti akka tolfamu akkasumas iggitamtoonni martinuu akka gad dhiisaman gaafatan.

Akkasumas, abbaan warraa Kamiila Hariis Daag Emhoof illee haasaa dhageessisanii jiran.

“Isheen hoogganuuf qophee dha” jedhan. “Hojii kanaaf gammachuu fi cimina fiddi” jedhan. Prezidaantii “ajaa’ibaas ni taati” jedhan.

Forum

XS
SM
MD
LG