Biyyonni Afuur Qataar waliin hariiroo qaban torban darbe kutan iyyu biyyattiin dinagdeen kan of dabdeessu ta’u ministeerri maallaqaa kan Qataar of amantaan dubbatan.
Wiixata har’a Televiziyoona CNBC jedhamu waliin gaaffii fi deebii kan gaggeessan Ali Sharief al-Emadi akka jedhanti jijjiramnii hangii tokko jiraatuus garu jireenyii akkuma duriitti itti fufee jira.
Kanaaf dinagdee biyya keessaa kan ilaaleen waan yaadda’uu qabnu hin jiru jedhan.Saa’uudii, Baahreen, Yunaaytid Arab Imereetes fi Masriin hariiroo jiru waan dhaabaniif jecha daldalli kutaa Sanaa waan addaan cituuf jecha hanqiina maallaqaa kan ofii isaanii isaan mata mataatti isaan mudata jedhan.
Namoonni baayyeen Qaataar qofti akka waan midhamtuutti kan ilaalan ta’uus nutii Dolaara tokko yeroo dhabnu isaaniis akkasuma Dolaara tokko dhabu jedhan.
Qataar hidhattoota Islaamaa fi Iraan deggertii jechuun biyyonni 4 hariiroo biyyatti wajjiin qaban dhaabuu isaanii ni yaadtama.
Iraan gamii lameen adda addummaa qaban mariin akka furataniif har’a gaafattee jirti.Kuweet falmii jiru maanguddummaan gidduu seenuuf jirti.