Xurree ittiin seenan

 
Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti
Breaking News

Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti


Kaartaa Afriikaa Kibbaa
Kaartaa Afriikaa Kibbaa

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoon Jimaata kaleessaa Waashingitanitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa kana booda biyya isaanii keessatti nama simatamu miti jedhamanii labsamuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, kunis hariiroon biyyoota lamaanii hammaataa dhufuu agarsiisa.

Ruubiyoon maxxansa X kan ofii irratti akka barreessanitti, Yunaayitid Isteetistti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ebraahim Raasool ''kana booda biyya keenya guddittii keessatti simannaa hin qaban'' jedhan.

"Ebraahim Rasool nama siyaasaa jibba sanyii tuqatu kan Ameerikaa fi prezidaanti Yunaayitid Isteetis jibbu dha” jedhan

Imbaasii Afrikaa Kibbaa Waashingitan jiru irraa deebiin hatattamaa hin kennamne.

Tarkaanfiin Ruubiyoon kun kan fudhatame hariiroon Yunaayitid Isteetisii fi Afrikaa Kibbaa gidduu hammaataa ennaa adeemetti.

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp dhiheenya kana ajaja sadarkaa ol aanaa kan gargaarsi Afrikaa Kibbaaf kennamu akka addaan citu mallatteessaniiru, kunis gocha lafa saamuu jedhame kan falmisiisaa ta’ee fi kanTraamp qonna warra adii akka irraa fudhatamu taasisa jedhan irraan kan ka’e. Traamp akkasumas qonnaan bultoonni Afrikaa Kibbaa Ameerikaa keessa qubachuuf akka simataman dubbataniiru.

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, fuula X kan ofii irratti akka barreessanitti, tarkaanfii mootummaan isaanii fudhate deggeruun falmaniiru.

“Dhiibbaa loogii sanyii darbe sirreessuuf tarkaanfii fudhachuuf kan mootummaa irra itti gaafatama kaa’e Heera Mootummaan geggeeffamana” jedhan.

Tiraamp jalqaba baatii Guraandhalaa keessa ajaja sadarkaa ol aanaa erga mallatteessanii booda, “haala Afrikaa Kibbaa fi seerota keenya murtaa’oo fi ejjennoo imaammata alaa keenya dogoggoraan ibsuu ilaalchisee yaaddoo qabnu ibsineerra,” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG