Buufanni xiyyaaraa biyyatti kan cufamee wixata kaleessaa hidhatoonni seeraan alaa xiyyaarri daldalaa Yunaayitid Isteets Spiriit jedhamee beekamuu kutaa Flooridaa irraa ka’ee yemmuu magaala gudichaa Hayitii Poort- Au- priins qobachuudhaaf bu’aa jiru qileensaa irratti dhukaasa irratti raawwateen hojjataa xiyyarichaa tokko ergaa madeesanii booda akka ta’e gabaasameera.
Xiiyaarichis gara biyya Dominikaan Repaabiliik deemee qubachuun isaa kan gabaasamee yemmuu ta’u, dhaandiiwaan xiyaaraa Yunaayitid Isteets biroo balalii isaanii garaa Hayitiitti taasisan addaan kutuun isaaniis beekameera. Embaasiin Yunaayitid Isteets Hayitii jiru akka ibsetti hidhatoonni seeraan alaa daandiiwwan, buufataalee doonii fi buufatalee xiyaaraa irraati hokkora raawwatamaa jiraachuu isaanii beeksisee jira.
Kutaa magaala gudicha biyyatii keessattis umnoottan poolisiifi hidhatootaa gidduutti lolli taasifamaa jiraachuu isaa kan beeksisee madduu oduu Assooshetid prees, dhiheenya kana haraa kan filataman mummichii ministeeraa yeroo Alixs Didiyeer Fiils-Aimee biyyatti keessatti nageenyaa mirkaneesuun hojii isaanii isaa dursaa akka ta’u ibsuun isaanii gabaasamee jira.
Akka dhaabanni mootummoota gamtoomanii jedhutti, biyyatti keessatti laftii dhibeentaa 85 hidhaatootaa seeraan alatiin akka too’atamee jiru ibseera.
Dhaabata mootummootaa gamtoomanii jalaatti nageenyaa biyyatti mirkaneesuudhaaf gara Hayitiitti kan duule jiruu umnii naga eegdotaa biyyaa keeniyaa hanqinaa maalaqaatiif, hirdhina namootaatiin rakkachaa akka jiru gabaasamee jira. Wixata kaleessaa dhimma kana irratti ibsaa kan kennaan dubii himaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Steefan Duhaariik, gareewwan siyaasa Hayitii keessaati qoodaa fudhachaa jiran fedhee garee isaanii dhiisanii, fedhii sabaa fi biyya isaanii akka dursan hubachiisuun isaanii gabaasameera.
Forum