Waltajji Dimookraasii jiru ballisuuf jecha namoota siyaasaa hidhaa keessa jiran gadhisuuf akkasumas mana hidhaa beekamaa maakelaawii jedhamu cufauuf ka jiru ta’u mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaalemy labsanii jiru.
Dhiittaa mirga namoomaaf kan himatamaa turte Itiyoophiyaan mormitoota afaan qabsisuuf jecha namoota walitti qabdee hiitii akkasumas mana hidhaa maakalaawii kan Finfinnee keessatti darartii jedhamuun himatamaa turte.
Mootummaan har’a haala hin eegamneen kan labsee kana ilaalchisee mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleny tuuta oduuf ibsa kennanii jiru.Akka kanaanis namoota ammaan dura yakkamtoota jedhamuun hidhamanii yakka ilaalacha eeggataa turan martii himannaan irratti dhiyaate kaafameefi jira.
Gama kaaniin Namoonnii Siyaasaa seera duratti dhiyaatanii hidhaa keessa jiran ni gadhiifamuu kan jedhan Obbo Haayle Maayiyaam manni hidhaa beekamaan Maakelaawii jedhamu cufamee gara Muziyamiitti jijjirama jedhu.
Yeroo ammaa namoonni meeqa mana hidhaa MaakalaawiiKeessatti hidhamanii akka jiran hin beekamuu jechuun gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raayitis Waach namoota qabaman irratti mala qorannaa seeraan ala ta’eetu achii keessatti irratti gaggeeffama jechuunn bara 20113 keessa gabaasee ture.
Gareeleen mirga dhala namaaf falman Humaan Raayitis Waach fi Amneestii Internaashinaal mootummaan Itiyoophiyaa seeraan ala namoota walitti qabee hidhaa, ni dararaa yakka ilaalcha seeraana ala ta’e mormitoota siyaasaa irratti gaggeesa jechuun himatu.