FINFINNEE —
Har'a jirattoonni magaalaa Finfinnee hidhi guddichi haaromsa Itoophiyaa marsaa 2ffaa guutamuu deeggaruun, akkasumas “garee Shororkeessaa” kan ittiin jedhan Adda Bilisummaa Uummata Tigirayiin balaaleffachuuf addabaabayii Masqalaatti hiriira bahanii jiran.
Dhaadannoolee HIWEHAT yokaan ABUTn balaaleffatan dhageessisaa turan, jiraattonni magaalaa Finfinnee hiriira har’aa irratti argaman.
Bakka hiriirichaatti kan haasawa taasisan itti-aantuu Kantiibaan magaalaa Fifinnee, Aadde Adaanecha Abeebee, “ummatni birmadummaa fi asxaa biyyoolessaa kabachiisuuf warra hojjetan raayyaa ittisa biyyaa cinaa ni dhaabbata,” jedhan.