Deggertoonni muummichi ministeeraa Paakistaan duraa kan Imraan Kahaan Kibxata har’aa giddu galeessa Islaamabaad seenuuf danqaa kaa’ame cabsanii akka isaan hidhaa dhaa gad dhiisaman gaafachuuf hiriira mormii geggeessanii jiru. Poolisiin hiriirtota kana dhaabsisuuf gaazii imimmaansu guddaa kan biife ta’us, hiriirtonni dhibbaan laka’aman waltajjii magaalaa guddoo Paakisatan ga’uu danda’aniiru.
Walitti bu’iinsa mormitoota waliin uumameen yoo xiqqaate humnootiin nagaa eegsisan afur dhu’uu fi hedduun madaa’uu angawoonni biyyattii dubbataniiru. Paartiin Kahaan Tereek-e-Insaaf, deggertoonni isaa haleellaa humnootii naga eegumsaa irratti raawwate keessaa harka hin qaban jechuu dhaan, poolisiin hiriirtota irratti dhukaasuu dhaan sadii yoo ajjeesu hedduu madeesseera jechuun qeeqee jira. Jeequmsichi kan ka’e deggertoonni paartichaa kanneen kumaan laka’aman gaaffiin isaanii hanga deebii argatutti waltajjii uummataa magaalattii keessa turuuf hiriira karoorfamee ture irratti argamuuf deggertoonni hiriirtotaa kumaan laka’aman ennaa gamas ga’anitti ture.
Bulchaan konyaa Kybir Paltun-kawaa kan paartii Kahaaniin hoogganamu Alii Amiin Gandaapuur degertoota paartii isaaniif erga isaan waltajjii sana ga’anii booda haasaa dhageesisanii jiran. Hanga Imraan Kahaan nu ajajutti boodatti hin deebinu. Nagaa dhaan haa hiriirru, kun biyya keenya jedhan Gandaapuur. Gabaasaalee fi namoonni ijaan argan akka jedhanitti du’uun humnootii seera eegsisan sadii fi mormitootaa kan raawwatame ennaa poolisiin gaazii imimmaansutu na duraa dhume sababaa jedhuun poolisiin jamaa deggertoota paartii Tereek-e-Insaaf-tti konklaataa ennaa oofu walitti bu’iinsa uumameeni jedhan.
Mootummaan muummichi ministeeraa Paakistaan Shebaaz
Sharii fi angawoonni naga eegumsa mootummaa isaanii konkolaataan jamaa wal ga’etti oofame kan jedhu ilaalchisee falmii dhiyeessuu dhaan hiriirtonni beekaa humnootii naga eegumsaa irratti qiyyaafatan jedhan. Paartileen mormituu Shariif fi gamtaan mootummaa isaanii filannoon Guraandhala keessa geggeessamuun aangootti isaan fide kan wal dha’e jechuun aangoo akka gad dhiisan gaafataniiru.
Forum