Addi Bilisummaa Oromoo miseensotni Koree Hojii Raawwachiiftuu fi Koree Giddu-galeessaa dhaabichaa muraasni eega qabamanii hidhamanii guyyoonni 15 darbanillee, haga ammaatti achi buuteen isaanii hin beekamne, mana murtiittis hin dhihaanne, jechuun beeksisee jira.
Dubbii himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa akka ibsanitti, namoonni kunneen eessatti akka hidhaman maatiinis tahe dhaabni isaanii hin beeku.
Hoogganaan Biiroo Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa namoonni kunneen mana murtiitti dhiyaatan jechuun ibsan. Waajjirri Abbaa Alangaa Federalaa dhimmicha qulqulleeffadheen odeeffannoo kenna yoo jedhu, Komishiniin Poolisii Federaalaa ammoo hidhamuu hooggansa kanneenii akka quba hin qabne ibseera.
Gabaasaa guutuu caqasaa