Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjetaan Dhaaba Gargaarsa Xaaliyaanii Tigraay Keessatti Ajjeefame


Lammiin Itiyoopiyaa kan dhaaba gargaarsa xaaliyaanii tokkoof hojjetu kan waraansaan dha’amte Tigraay keessatti rasaasa dogoggoraan dha’amee du’uu isaa hojjechiistoonni isaa ibsanii jiran.

Negaasii Kidaanii majgaalaa Addigraat irraa yoo ta’u koree sadarkaa addunyaa kan misooma uummataa jedhuuf erga bara 2016 qabee hojjetaa ture.

Gareen kun CISP jedhamuun beekama. Erga lolli naannoo Tigraay baatii torba dura eegalee, hojjetaan gargaarsaa ennaa ajjeefamu kun isa salgaffaa dha. “Waahilli keenya Negaasii Kidaanee, hoogganaa waajjira CISP kan Addirgaat keessaa kan ajjeefame sambata darbe” jechuu dhaan gareen kun ibsa fuula Feesbookii isaa irratti maxxanseen beeksiseera.

XS
SM
MD
LG