Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjetoonni Buufata Galaana Irraa Kan Yunaayitid Isteetis Kibxata Har'aa Lagannaa Hojiin Mormii Eegalanii Jiran 


 Hojjetoonni Buufata Galaana Neew Yaarki, Niiw Jeersuutti, Onk. October 1, 2024
Hojjetoonni Buufata Galaana Neew Yaarki, Niiw Jeersuutti, Onk. October 1, 2024

Hojjettooni buufata galaanaa irraa Yuunaayitid Isteetisi gaaffii daballii miindaa fi walii galtee hojii haaraa dhiyeessaniin deebii hin arganne jechuun Kibxata irraa kaasuun duula hojii dhaabuu eegalan.

Waldaan hojjettoota buufata galaanaa miseensota 45,000 of jalatti qabu kan maqaa Loongshormeen jedhamuun waamamu kontiraanni isaanii wiixata kaleessaa halka qixxee xumuramuu isaa hordofee hojjeettoonni duula hojii dhaabuu jalqabaniiru. Hojjettonni buufata galaanaa irraa kan Filaadeelfiyaa halkan kaleessaa hiriira ba’uun sagalee isaanii dhageessiisuu kan jalqaban yommuu ta’u “walii galtee hojii haqa qabeessaan alatti hojiin hin jiru jedhu. Waldaan hojjettootaa kun erga bara 1977 as duulli hojii dhaabuu inni taasiisaa jiru buufataalee gaalanarraa 36 irratti miidhaa geesiisas jedhameera.

Waldaan hojjettoota buufata dooniirraa galii argatanii fi bakjka hojjettootaa immoo Rohoobatiiwwan akka hojjetan taasifamuun mormuun duula kan jalqaban yommuu ta’u, Rohoobotiin maatii hojii akka hojjetu taasisuun maatii keenya miidha jechuunis mormii isaanii dhagessisaa jiru. Rohoobootiiwwan gibira hin kaffalan , hawwaasa isaanii keessatti maalaqa baasuun hojii hin hojjetan jechuun walii galteen hojii haqa qabeessa akka taasifamuuf gaafachaa jiru.

Gamtaan buufata galaanaa Yuunaayitid Isteetisi buufatalee galaanaa bakka bu’uun waldaa hojjettoota kana waliin mariirra kan ture Wiixata kaleessaa galgala ibsa kenneen daballii galii hojjettootaa isa waggoota ja’a darberraa waldaan hojjettootaa dhiyyeessa dhibbeentaa 77 irratti walii galuu dhabuu isaanii ibseera.

Waldaan hojjettoota galaanarraa galii waggaa xiqqaan doolara 81,000 fi ol aanaan 200,000 akka ta’u gaaffii yommuu dhiyyeessa. Gamtaan buufata galaanaa Yuunaayitid Isteetisi immoo daballii dhibbeentaa 50 isa waggoota ja’a darbeef hojiirra turerraa taasiisuu ibsee waldaan hojjettootaa kun kana akka hin fudhannes ifoomseera. Gamtichi ibsa isaa keessatti waliin dubbii keenya itti fufuun walii galteerra ni geenya abdii jedhu qabnas jedheera. Waldaan hojjettootaa buufata galaanarraa waliin dubbii Wiixata kaleessaa ture ilaalchiisuun yaada akka kennuuf gaaffii dhiyyaateef deebii hin kennine.

Hojjettoonni buufata galaanaa Verjiiniyaas duula hojii dhaabuu wiixata kaleessaa waaree boodarra kaasanii akka seenan beeksiisaniiru. Akka xiinxaltoonni jedhanitti duulli hojii dhabuu hojjettooni buufataalee galaanarraa amma jalqaban kun fayyadamtoota irratti miidhaa geessisa jedhaniiru. Qondaalli Waayit haawus tokko akka beeksisanittimmoo kallattii pireezidaanti Joo Baayiden kaa’aniin waldaa hojjettoota buufata galaana irraa waliin karaa gamtaa buufata galanarraa kan yuunaayitid Isteetisiin dubbatamaa jira jedheera.

Forum

XS
SM
MD
LG