Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettuun WHO Somaaliyaa Keessatti Ajjeefamte


Jarmayaan fayyaa addunyaa hojjetaan isaa tokko Moqaadishoo keessatti itti dhukaafamuun ajjeefamuu isaa mirkaneesse.Agawaan WHO tokko VOAf akka ibsanitti Mariam Abdullahi hojjettuun loojiistikaa kan talaallii pooliyoo har’a waaree booda Moqaadishoo keessatti ajjeefamte.

Mriaam Abdullaahii magaalaa Ba’idoa ala jiraataa ka turte yoo ta’u guyyoota dhiyoo as gara Moqaadishootti dhufte. Firoonni maatii Maariaam VOAf akka ibsanitti gara Moqaadishoo kan dhufte cidha gaa’elaa ishee dhufaa jiruuf meeshaalee bitachuuf gamas deemte.

Kanneen ijaan argan VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka ibsanitti gabaa Moqaadishoo Bakara jedhamu keessatti nama shugguxii hidhateen ajjeefamte. Ajjeechaa sanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG