Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Sooviyeeti Duraanii Mikaa’el Gorbaachoov Waggaa 91tti Du’aan Boqotan


FAAYIILII - Hogganaa Sooviyeet duraanii kan turan Maayikil Gorbaachoov
FAAYIILII - Hogganaa Sooviyeet duraanii kan turan Maayikil Gorbaachoov

Ennaa Kufaatii Tokkummaa Sooviyeet hoogganaa kan turanii fi sodaa Waraana qabbanaa’aa waggoota kurnan lamaan darbaniif ture dhaabuuf kan gargaaran, badhaasa Noobeelii ka badhaafaman Maayikil Gorbaachoov umurii isaanii 91 du’aan boqotan.

Hospitaalli Kilinikaalaa Giddugaleessaa dugdee magaalaa Moskootti argamu dhaabbata oduu mootummaa Tass jedhamutti akka himetti, Gorbaachoov Kibxata halkan “yeroo dheeraaf dhukkuba erga dhukkubsatanii booda” du’an.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Kibxata telegiraamii dhaan gadda isaanii ennaa ibsan akka jedhanitti, Gorbaachoov sirna Sooviyeet haaromsuun barbaachisaa ta’uu isaa “gadi fageenyaan hubatanii jiru” akkasumas “rakkoolee ariifachiisaa ta’aniif furmaata mataa isaanii dhiyeessuuf carraaqqii taasisaniiru” jedhan.

''Goorbaachoov nama siyaasaa fi nama mootummaa adeemsa seenaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisan turan. Yeroo jijjiirama walxaxaa, dinqisiisaa fi imaammata alaa, dinagdee fi hawaasummaa bal’inaan mudate keessatti biyya keenya hooggananiiru,'' jedhan Puutiin.

Pirezidaantiin U.S. Joo Baayidan ibsa Kibxata galgala kennaniin Gorbaachov “nama mul’ata ajaa’ibaa qaban turan” jedhan.

Akka hogganaa Tokkummaa Sooviyeet duraanitti, pirezidaant Reegan waliin ta’uun meeshaa waraanaa niwukilaraa biyyoota keenya lamaan qaban hir’isuuf hojjetaniiru, kunis namoota addunyaa guutuu irraa dorgommiin meeshaa niwukilaraa akka dhaabbatu kadhachaa jiraniif gargaarsa taasiseera,” jedhan Baayidan.

''Hacuuccaan siyaasaa gara jabinaa waggoota kurnaniif erga geggeessamee booda haaromsa dimokiraasii nama simatan turan jedhan.

Du’a Gorbaachoov Ilaalchisuun Naannoo Addunyaatii Gadda Jiru Ibsuun Ergaan Ergamaa Jira

Du’aan boqochuu Maaykil Gorbaachoof Ilaalchisee naannoo addunyaatii ergaan ergamaa jira.

Prezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuu isaanii dubbi himaan isaanii beeksisaniiru.

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteereez, du’a Mika’eel Gorbaachov dhaga’uun baay’ee akka isaan gaddisiie ibsuun, “nama addaa fi adeemsa seenaa jijjiire” jechuun ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis duraanii Jamis Beeker, Mikaa’il Gorbachoov nama guddaa saba isaanii guddaa gara dimokiraasiitti qajeelche ta’uu seenaan ni yaadata jedhan.

Gorbaachov dorgommiin meeshaa waraanaa akka dhaabbatu kan gaafatan yoo ta’u, hariiroo Waashingitan waliin jiru fooyyessanii, bara 1987tti Pirezidaantii Yunaayitid Isteetis Roonaald Reegan waliin waliigaltee Humnoota Niwukilaraa Fageenya Giddugaleessaa mallatteessuu dhaan meeshaa waraanaa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen Awurooppaa badiisaaf sodaachisan akka dhabamsiisaman gargaaraniiru. Bara 1989, waraana Sooviyeet Afgaanistaan keessatti, waggaa 10 dura muummicha barreessaa tokkummaa sooviyeet Leonid Brezhnev jalatti eegalte xumuraniiru.

Kan erga Guraandhala keessa Raashaan Ykireeniin weerartee torban tokko booda waggaa 91 guutaniif dhukkubsataa turan Gorbaachoov, waa’ee waraana Yukireen keessatti gaggeeffame ykn waan biraa yaada ummataaf kennan muraasa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG