Hooggantoonni ABO waggoota Afurii oliif mana hidhaa turan mana hidhaatii bahaniiru jechuun qondaalli sabqunnamtii paartii ABO obbo Lammii Gammachuu sagalee Ameerikaaf mirkaneessaniiru. Hooggaantoonni Kamisa, Hagayya 30 bara 2016 galgala keessa hiikaman miseensota koree hoji raawwachiistuu paartichaa obbo Abdii Raggaasa fi obbo Mikaa’el Booran, miseensa koree giddu galeessaa paartichaa obbo Kennessaa Ayyaanaa dabalatee qondaaltonni siyaasa paartichaa obbo lammii Beenyaa, Daawit Abdataa, obbo Gadaa Gaabbisaa fi itti gaafatamaa waajjiraa kan turan Dr.Gadaa Oljiraa mana hidhaarra hikaman, jechuun Obbo Lammii Gammachuu Sagalee Ameerikaaf ibsan.
Hooggantoonni kunneen naannoo Oromiyaa iddoowwan adda addaatti waggootaaf akka hidhamaa turan ibsan obbo Lammiin.
Forum