Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Siiriyaa Haaraan Biyyoota Addunyaa Hooggansa Bashaar Alaasaad Morman Waliin Hariiroo Tolfataa Jiran


Ergamaan Addaa Mootummoota Gamtoomanii mana hidhaa Siiriyaa keessaa 'slaawterhowus' jedhamuun beekkamu dawwatan, Sedenayaa, Siiyiraa, Muddee 16, 2024.
Ergamaan Addaa Mootummoota Gamtoomanii mana hidhaa Siiriyaa keessaa 'slaawterhowus' jedhamuun beekkamu dawwatan, Sedenayaa, Siiyiraa, Muddee 16, 2024.

Bulchitoonni haaraan kan Siiriyaa Kibxata har’a biyyoota pirezidaantii aangoo irraa kaafaman Bashar al-Asad akhogganaa jibba uummataa qaban jedhanii fudhatan waliin walitti dhufeenya qaban cimsaa jiru.

Waggoota kurnaa olta’e keessatti yeroo jalqabaaf alaabaan Faransaay Imbaasii keessatti ol kaafame ykn fannifame. Asaad torban tokkoo dura Siiriyaa baqachuun, humnoonni isaa haleellaa akka balaqqeessaa garee Islaamummaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS)n durfamu duratti taankii fi meeshaalee biroo dhiisanii deeman.

Kufaatiin bulchiinsa Asaad kan Muddee 8 kun addunyaa kan ajaa’ibsiise yoo ta’u, naannoo Siiriyaa fi sanaa ala ayyaana kabajamuu kan ta’e yoo ta’u, bara 2011 mormii Dimokiraasii irratti tarkaanfii fudhachuun isaa lola jaarraa kana keessatti lubbuu namaa galaafate keessaa tokko erga taasisee booda.

Hundee isaa damee Al-Qaayidaa Siiriyaa keessatti kan argamu gareen siriyaa to’atee kun, mootummoota biyyoota dhihaa hedduudhaan akka dhaabbata shororkeessummaatti dhorkamee jira. Haa ta’u malee, dubbii isaa giddu galeessa gochuuf kan yaale yoo ta’u, amantii sab xiqqaa biyyattii eeguuf waadaa galeera. Gamtaan Awurooppaa hoggana haaraa siriyaa waliin dubbatee waajiira isaa banuuf akka jiru, akkasumas Tarkii fi Qaataar kanneen Asaadiin mormaa turan Embaasii isaanii Damaasqoo keessatti bananii jiru.

Angawoonni Yunaaytid Isteetis fi Briteen hoggana siriyaa isa haaraa wajjiin qunnamtii jalqabanii jiru .Faransaayiin jila gara magaalaa galma mootummaa siriyaatti ergiitee jirti. Tokkummaan Mootummoota Gamtoomanii Kibxata har’a akka jedhetti, walakkeessa bara 2025 isaan jalqabaa keessa namoonni gara miliyoona tokkoo gara Siiriyaa akka deebi’an eega, kunis kufaatii bulchiinsa prezidaant Bashar al-Asad hordofeeti.

Dhaabbata baqattoota kan Tokkummaa mootummoota (UNHCR) keessatti daayreektarri Giddugaleessaa Bahaa fi Afrikaa Kaaba Remaa Jamoos Imseis ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Waggaa dhufu baatii Amajjii hanga Waxabajjitti gidduutti tartiiba lammiileen Sooriyaa miliyoona tokkoo ta’an bakka tokkotti akka deebi’an abdii qabna jennee tilmaamneerra,” jedhan .

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG