Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Addaa Sudaan "RSf" Jedhamuu fi Milishoonni Isa Waliin Hidhata Qaban Hookkara Saalaa Dubartoota Irratti Raaw'atan, Jedhame


Wal waraansa Sudaan keessatti ji’a Eebilaa bara 2023 tti humna waraanaa Sudaan kan Abdel Fattaah Al-Burhaaniin hoogganamuu fi itti aanaa isaa kan ture hoogganaa humna addaa isa RSF jedhamu Mohaammad Hamdaan Dagaloo gidduutti ka’ee gagga’ama hedduu dhaqqabsiiseeruuf Humni waraanaa Sudaan garee warra RSF’n Yuunaayitid Arab Emmireetisitu gargaara jechuun yommuu himatu, gama Yuunaatid Arab Emmireetisiinimmoo gochaa kana keessaa hin qabu jechuun irra deddeebbiin haalti.

Humni addaa Sudaan inni “RSF” jedhamuu fi milishoonni isa waliin hidhata qaban waraana gaggeessaa jiran Sudaan gara Kibbaa keessatti yakkoota hookkara saalaa dubartoota irratti raawwatu jechuun Hiyuumaan Raayitis Wooch himate.

Hiyuumaan Raayitis Woochi gabaasa isaa haaraa Wiixata har’aa baaseen erga Ji’a Fulbaanaa bara 2023 irraa kaasee galmee qabachaan tureen Sudaan gama Kibbaa Naannoo Kordofaan keessatti gareen Humna addaa Sudaaan warri RSF jedhamanii fi milishoonni isa waliin hidhata qaban shammarranii fi dubartoota Umriin isaanii 7 hanga 50 jiran irratti hookkara saalaa, humnaan gudeeddii fi namoota quunnamtii saalaaf garboomfachuu irratti raawwataniiru jedhe.

Wal waraansa Sudaan keessatti ji’oota 20 lakkoofsiseen gareen idil addunyaa kanneen hookkara saalaa to’atu kan Yuunaayitid Isteetisiiin hoogganamu gabaasa dhiyeenya baaseen gaaga’ama gargaarsa namoomaa badaa akka Addunyaatti mul’ate jedheera. Torbaan darbe gabaasa baaseenis naannoo kibba Kordofaan keessatti gareen RSF fi gareen milishoota Abarabaa ji’a Muddee bara 2023 irraa hanga ji’a Bitooteessaa bara 2024tti sarbamoonni hedduun hokkara saalaa dabalatee raawwatamuu fi keessumaa namoota siivilii gosa Nuubaa irratti raawwatameera jedhe. Ji’a Onkolooleessaa keessammoo dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ergama dhugaa barbaaduu kan Sudaan gabaasa baaseen gareen lamaanuu humni waraana Sudaanii fi kan humna addaa sarbama mirgaa dararaa dabalatee hookkara saalaa raawwatu jedhee addattimmoo gareen humna addaa hookkara saalaa , humnaan gudeeddii fi namoota quunnamtii saalaaf garboomfachuu irratti raawwatu jedheera.

Gareen humna addaa Inni RSF jedhamu immoo himannaa hookkara saalaa irratti dhiyyaate kana gareen isaa akka hin raawwanne ibsuun bakka inni to’atee jiru keessatti humnaan gudeeddiin tokko qofaan raawwatamuu ibseera.

Wal waraansa Sudaanitti ji’a Eebilaa bara 2023 tti jalqabeen lubbuu namootaa kuma kurnootaan lakkaa’amu galaafachuu , kanneen miiliyoona Saddet ta’animmoo achuma biyya kessatti qe’ee isaaniirraa akka bu’anii fi kanneen miiliyoona Sadii ol ta’animmoo gara biyyoota ollaatti akka baqatan taasisuu gabaasni dhaabbata mootummoota gamtoomanii ifoomseera

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG