Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishiniin Mirga Namaa Itiyoopiyaa: Itiyoopiyaa Keessatti Nama Humnaan Ukkaamsanii Butuun Yaaddessaa Ta’aa Dhufe 


FAAYILII - Wajjira Komiishiniin Mirga Namaa Itiyoopiyaa, Finfinnee
FAAYILII - Wajjira Komiishiniin Mirga Namaa Itiyoopiyaa, Finfinnee

Komiishiniin Mirga Namoomaa Itiyoopiyaa Finfinnee keessaa namoonni humnoota mootummaan fudhatamanii bakki isaan jiran utuu hin beekamin bakka dhoksaa ntursiifaman ilaalchisuun gabaasa baasee jira. Waggaa tokkko darbe keessa iyyatti namoota 52 ilaalchisee dhiyaate qorachuu isaa kan ibse Komiishiniin Mirga Namoomaa Itiyoopiyaa, kanneen keessaa namoonni 44 ji’a tokkoo qabee hanga ji’a 9tti naannolee kan idilee hin ta’in erga turanii booda gad dhiisamuu isaanii beeksise.

Namoota hanga yoonaa eessa akka jiran hin beekamne keessaa hati warraa isa tokkoo VOAf akka himtetti, erga qabamee qabee Abbaa warraa ishee barbaaduuf yaalii gootus eessa akka jiru beekuu akka hin dandeenye ibsiteetti. Ishee fi ijoolleen ishee lama rakkoof waan saaxilamaniif maatii ishee biratti deebitee jiraachuu jalqabuu dubbatti.

Haala dirqisiisaan qabamanii eessa akka jiran utuu hin beekamin kanneen gad dhiisaman keessaa maallaqa baasanii kan gad dhiisaman jiraachuu kan dubbatan itti gaafatamaan naannoo kan kutaa qorannaa fi hordoffii komiishinichaa Selaamaawit Girmaay akka jedhanitti, rakkoon kun yaaddessaa waan ta’eef mootummaan ilaalcha barbaachisu akka itti kennu gaafataniiru.

Itiyoopiyaa keessumaa Finfinnee akkasumas naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessaa namoota ukkaamsanii butuuu fi bakki isaan jiran utuu hin ibsamin haalli yeroo dheeraaf tursiisuu yaaddessaa ta’ee itti fufuu irra deddeebi’uun kan ibse komiishinni mirga namaa Itiyoopoyaa waggaa darbe tokko kan magaalaa Finfinnee keessatti raawwate ilaalchisee gabaasa qopheesse ifa taasiseera.

Dhimma kana ilaachisiuu dhaan qaamotii bulchiinsaa fi nageenya mootummaa biraa bilbilaan deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne. Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaas bilbilli isaanii cufaa yoo ta’u, dubbi himtoonni komiishina poolisii federaalaa fi magaalaa Finfinnees bibila hin kaasan.

Komiishinni mirage namoomaa Itiyoopiyaa gama isaan haala namoota qaama mootummaan fudhatamanii bakki isaan jiran hin beekamne ilaalchisee qaamotii nageenyaa dhimmi isaa isaan ilaalu waliin dubbataa jiraachuu i

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG