Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijaarsii yuniversitii Booranaa Akkuma Aadoyyee Durattiin Deemuutti Jiran, Bara 2020 Barannoota Jalqabuuf Hujiitti Jiran Jedhan


Yuniversitii Booranaa Birrii Miliyoona 400n Marsaa Duraa Jalqaban. Footoo tana ji'a hedduun duratti kaasan.
Yuniversitii Booranaa Birrii Miliyoona 400n Marsaa Duraa Jalqaban. Footoo tana ji'a hedduun duratti kaasan.

Ijaarsii yuniverstii Booranaa Akkuma Aadoyyee Durattiin Jiranii Bara 2020 Keessa Ijoollee Galmeessuu Hin Oolan Jedhanii Eegatn
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:09 0:00

Yuniversitiin Booranaa aanaa Yaaballoo jaaruutti jiran tun akka warra lafaatii fi Ministiriin Saayinsii fi Baranoota Olaanaa Itoophiyaa jedhanitti akkuma aadoyyee durattiin deemuutti jiran.

Hujii tana lafa hektaara 500 tolaan kennan jedhan irratti jalqaban marsaa afuriin fixuuf itti jiran. Marsa qaraa birrii miliyoona 400 itti baasanii waluma jalaa fiffixan.

Aabba Mallicha Guyyoo,itti gaafatamaa Biiroo Barnoota Booranaa ka duriiti. “Rakkoon bisaanii jiraattullee bisaanillee bootiin itti waraabaaa akka dansaa hujiitti jiran.”

Hujii tana Muummee Ministera Itoophiyaa durii,Hayilee Maariyam Dessaalenyitti akka henna Itoophiyaa bara 2009 dhagaa yayyaba dhaabe.

Aabba Huqqaa Garsee jaarrolee akka Booranaa yuniversiti jaaran gagaafatte hedduu keessaa tokko. Hujii tanaa pirz. Oromiyaa obboo Lammaa Magarsaatii fi MM,Obbo Dessaalenyi Hayilee Maariyamillee hin galateeffate.

“Ijaarsii guddoo nama gamamchiisa.”Yuniverstii tana Dr.,Bokkuu Xachee pirezidaantii itti filatnii hujiittiin jiran.

Hujii tana akka aabba Huqqaan jedhetti morkaan hojjachuutti jiran. Kontiraakteroota 12 itti filan “hujiin sun gaafa ani dhaqee laale akka dansaa deemuutti jirti.

“Rakkoon huji sun dhaabdu ani arge hin jirtu harkaan nu gahaa jedhaan,” jedhe.

Obboo Gezzahaanyi Dabalee Minisitrii Saayinsii fi Barnoota Olaanaatti itti gaafatamaa ijaarsa hujii yuniversiti Booranaati.

Yuniverstii Booranaa yuniversitii Itoophiyaa 45 keessaa tokkoo “Kontoraata ji’a 10n jalqabmnee marsaa duraatiin baratoota 1, 500 fudhatti jedha.

Yuniversitiin tun manneen 22 qabdi. Hujii tanallee hojjatootii guyyaa naannuma Booranaatii qaxaran 600 hojjata.

Jarii kun akka jecha isaatti waldaan wal jaaree bilookkeetiillee ufumaa hojjachaa hojjaa qoodate.Haga ammaatti harka 30 caalaa hojjatanii waan hafellee ganna tokkoon duubatti bara 2020 hujii jalqabuuf hujiitti jiran.

Barnoota yuniverstii tana keessatti baratan ammoo akka obboo Gezzahaanyi jedhutti qorachuutti jiranii taatullee barumsa addaa naannoo horiisee bulaa fi biyyaaf tahaa keessatti barsiisan.

Kaarikuleemii isiillee akka ijaarsa naannoo horsiisee bulaa fi biyyaa tahu baasanii hujiillee waluma jalaan itti dabalaa yaa’an.Horii yuniverstii tanaan jaaran mootummaa Federaala Itoophiyaatti kenne.

Gamuma barnootaatiin ammoo gaafa milishootii naannoo Somaalee Mooyyale hadhan kaan manneen barnootaa akka aabba Mallichii jedhetti Mooyyale, Guchii, Dhaas,Areero fi Waacillee faatii hedduutti cufame. Amma ammoo manneen barnootaa sun babbanamuutti jiran jechaa dhageenne.

Yuniversitiin Booranaa banamuun godina nama miliyoona caalutti keessa qubataa misoomaan ammoo guddoo duuba jira kanaa furmaata gudaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG