Abbaan Taayitaa tajaajila Immigireeshinii Itiyoophiyaa turtii ji’oota ja’a darban keessatti Paaspoortiiwwan kuma dhibba 6 fi kuma 40 ol maxxansee rabsuu isaa ifoomsee jira. Daayireektarri Abbaa Taayitaa tajaajila Immigireeshinii Itiyoophiyaa Salaamaawwit Daawwit har’a ibsa kennaniin dhaabbanni isaanii turtii ji’oota ja’a darban keessatti paaspoortiiwwan kuma 640 maxxansiisee tajaajilamtootaaf rabseera jedhan. Kana hordofees amma gaaffiin kuufama Paaspoortii nurra hin jiru jedhanii gaaffii haaraan kanneen tajaajila paaspoortii barbaadanii ji’oota lama keesstti ni keessummeeffamas jedhaniiru.
Hojimaata kenninsa tajaajila Paaspoortii Itiyoophiyaa keessatti rakkoo ture kan ibsa Daayireektarittiin turtii waggaa tokkoofi walakkaaf tajaajilli kennamaa waan hin tureen namoonni kuma 350 paaspoortii akka eeggatan taasifameeru amma furmaata argateeras jedhaniiru. Dhaabbatichi guyyaatti paaspoortiiwwan Kuma lama maxxxansiisurraa gara 10,000 tti akka guddatu taasifamuu himanii yeroo ammaa guyyatti namoonni kuma Torba tajaajila passpoortii barbadus jedhaniiru.
Selaamaawwit Daawwiti Daayireektarri abbaa taayitaa Taajajila Immigireeshinii Itiyoophiyaa Imaltoota buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleerratti waraqaawwan imalaa ilaalchisuun rakkoowwan isaanirra ga’aniif komii kaasaniif sirreefamni akka taasifamu himanii , lammiileen biyya alaa kanneen waraqaa eeyyama jireenyaa hin qabnee fi kanneen waliin dhahan biyya keessaa akka baafaman taasisuu dabalatee tarkaanfiin irratti fudhatameera jedhaniiru jechuun finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gabiremedihiniitu gabaase.
Forum