Xurree ittiin seenan

 
Inishiyeetiviin Lammiilee Afrikaa Miliyoona 300 Humna Elektiriikaan Walqunnamsiisuu Liqeesitoota Irra Waadaa Biliyoona Sadeetii Argate
Breaking News

Inishiyeetiviin Lammiilee Afrikaa Miliyoona 300 Humna Elektiriikaan Walqunnamsiisuu Liqeesitoota Irra Waadaa Biliyoona Sadeetii Argate


Pirezdaantii Taanzaaniyaa Samiyaa Hasan fi Pirezdaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo Yaa'ii Hanisa Afrikaa Daree es Salaamitti geggeeffame irratti, Taanzaaniyaa, Amajjii 28, 2025.
Pirezdaantii Taanzaaniyaa Samiyaa Hasan fi Pirezdaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo Yaa'ii Hanisa Afrikaa Daree es Salaamitti geggeeffame irratti, Taanzaaniyaa, Amajjii 28, 2025.

Waggoota jahan dhufan keessatti lammiilee Afrikaa miiliyoona 300 humna Eleektirikaa walqunnamsiisuuf jalqabbiin ture, Baankii Misooma Islaamaa fi Baankii Invastimantii Bu’uuraalee Eeshiyaa dabalatee liqeessitoota irraa waadaa haaraa doolaara biiliyoona sadeetii ol ta’u injifachuu Maddi Oduu Rooytersi gabaase.

Inishiyeetiiviin Mission 300 Baankii Addunyaa fi Baankii Misooma Afrikaatiin baatii Eblaa keessa eegalame kun Doolaara biiliyoona 90 akka baasu tilmaamameera. Hojiirra oolmaan isaas dinagdeen biyyoota naannichaa haalaan waan danqameef, kanaafis sababaa irra caalaan galiin laafaa ta’uu fi baasii tajaajila liqaa olaanaa irraa kan ka’e waan ta’eef.

“Madaalliin biyyoolessaa keenyaa gahaa miti... kaayyoo Ergama kana galmaan ga’uuf,” jechuun Pirezidaantiin Zaambiyaa Hakainde Hichilema walgahii anniisaa Afrikaa Taanzaaniyaa keessatti gaggeeffame irratti dubbataniiru.

Maallaqni pirojektichaaf oolu baankota misoomaa biyyoota hedduu, dhaabbilee misoomaa, daldala dhuunfaa fi dhaabbilee tola ooltummaa kanneen akka Rockefeller Foundation kan qaama jalqabbii kanaa ta’e irraa ni argama jedhamee eegama.

Dura taa’aan Baankii Misooma Islaamaa Muhammad al Jasser ibsa yaa’ii Kibxata darbe xumurame irratti baasaniin, baankiin teessoo isaa Jiddaa godhate kun faayinaansii pirojektii doolaara biiliyoona 2.65 fi pirojektoota humnaa Afrikaa keessatti hojjetaman inshuraansiif kan ta’u doolaara biiliyoona 2 kan biraa waadaa galuu ibsaniiru.

Teessoon isaa Beejiing keessatti argamu dhaabbatii AIIB doolaara biiliyoona 1 hanaga 1.5 kennuuf jira.

''Afrikaa keessatti namoonni miliyoona dhibba jaha humna ibsaa kan hin qabne ta’uun waan hin danda'amnedha,'' jedhan Pirezidaantiin AIIB Jiin Liqun.

Kanneen biroo pirojektichaaf maallaqa kennan, Ejensii Misooma Faransaay (AFD) kan doolaara biiliyoona 1.04 kennuuf waadaa gale, fi Fandii Misooma Idil-addunyaa OPEC kan jalqaba irratti doolaara biiliyoona 1 waadaa gale akka ta’e ibsa xumuura walgahii irratti ba’e hubachisee jira

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG