Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraaq Keessatti Diroonii Lama Haaleellaa Geesiisan


FAAYILII - Droonii cabe, Dhiha Anbaar, Iraaq, Waxabajji 4, 2022.
FAAYILII - Droonii cabe, Dhiha Anbaar, Iraaq, Waxabajji 4, 2022.

Dirooniin lama maadhee Iraaq keessaa kan humnoonni gamtaa farra jihaadistootaa Ameerikaan durfamu keessa buufatanii jiran irratti haalellaa geesisuu isaanii qondaaltonni nageenyaa Roobii har’a ibsaniiru. Haleellaan diroonii lama fayyadamuun gaggeeffame Kibxata kaleessaa galgala buufata Ain al-Assad kan bulchiinsa Anbar keessatti kan qiyyaafatee ta'uu qondaalli poolisii tokko kan miidiyaatti dubbachuuf hayyama waan hin qabneef jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan dubbataniiru.

Itti dabaluudhaan Dirooniin tokko buufata sanaan alatti sirna caasaa ittisaatiin itti dhukaafamee kan kuftee yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo osoo miidhaa tokkollee hin geessisin buufata sana keessaa dhoohe jechuun dabalanii ibsan. Haleellaan kun kan raawwatame yeroo waldhabdeen naannoo hammaataa dhufee fi waraana Gaazaa keessatti michuu Waashingitan kan taatee Israa’elii fi sochii Islaamummaa Falasxiin kan Iraan deeggaramuu Hamas gidduutti geggeeffamaa jiruun belbeelaa dhufeetti.

Iraaq keessatti gareewwan hidhattoota Iraan deeggaraman ji’oota darban keessa haleellaa walfakkaataa loltoota Ameerikaan deeggaraman irratti raawwatan baay’inaan dhaabsisaniiru. Garuu yoo waraanni michuu isaanii Hizbullah Libaanos fi Israa’el gidduutti ka’e tarkaanfii fudhachuuf sodaachisuu itti fufaniiru. Qondaalli nageenyaa olaanaa Bagdaad keessa jiran haleellaa Kibxata kaleessaa kana raawwatame kan mirkaneessan yoo ta’u, haleellaan kun mootummaa Iraaq “qaanfachiisuu” fi marii egeree gamtaan idil-addunyaa Iraaq keessatti gaggeeffamaa jiru irratti dhiibbaa gochuuf kan yaadame ta’uu akka amanan ibsuunii gareewwan Iraaniin deeggaraman akka ba’an gaafataniiru. Haleellaa dhaqqabe kanaaf gareen itti gaafatamuummaa battalumatti fudhate hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG