BUSHOOFTUU, OROMIYAA —
Bushooftuutti Irreechi Hora Harsadee namoota muraasa qofaan akka kabajamu taasisamee oole, Hirmaattoota hedduu irraa miirri mul’ataa tures gabaasaan VOA bakka sanatti argame ibsee jira.
Namoonni baajii ittiin galinsaa hin qabne hedduun daangaa Bushooftuu fi magaalattii keessaa qabamanii of irra deebisamanii jiran.
Bulchiinsi magaalaa Bushooftuu gama isaatiin ayyaanichi nagaan xumuramuu ibsee, daangaan kan itti taasisameef uummatumaaf jecha, jedhee jira.