Humnoonni Israa’el Wiixata har’a haleellaa xiyyaaraa naannoo haandaara magaaaa Beerut gama kibbaa irratti kan raawwattee yoo tau kunis, akeekkachiisa namoonni naannoo sanaa akka gadhiisan kennite hordofuun gaggeeffamuu waraanni Israa’el ibsee jira. Waraanni Israa’el akeekkachiisa isaa keessatti hidhattoonni Hizb0llah Haret Hreik keessatti socho’aa akka jiran kan ibse yoo ta’u, yeroo gabaabaa booda yoo xiqqaate haleellaan lama dhaqqabeen aarri cimaan gara samiitti ol ka’e jedheera.
Dubbi himaan waraana Israa’el akka jedhanitti haleellaan kun waajjira muummee ajaja waraanaa Hizbullaah irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsan.
Israa’el Haleellaa Kana kan raawwatame erga haleellaa isheen Beerut irratti raawwateen yoo xiqqaate namoota 29 galaafatee booda, hidhattoonni Hizbullaah rookkeettii fi dhukaasoota biroo gara 250 Israa’elitti dhukaasanii guyyaa tokko booda.
Haleellaa Hizbullaah keessaa muraasni garaa naannoo Tel Aviv ga’ee namoota torba madeesse. Haleellaan Hizbullaah kun yeroo waggaa tokkoo olii dura hidhattoota Hamas kan Onkoloolessa bara 2023 Israa’el irratti haleellaa raawwatanii fi ergasii Israa’el waliin Gaazaatti waraanaa turan deeggaruuf Israa’el irratti dhukaasa jalqabe keessaa isa guddaa ture.
Lola Israa’elii fi Hizbullaah xumuruuf akkasumas dhukaasa dhaabuu irra ga’uuf mariin itti fufee kan ture yoo ta’u, gareen hidhattootaa fi mootummaan Lebaanan yaada Yunaaytid Isteetis irratti waliigalaniiru. Garuu hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Josep Borrell, abdii lola kana dhaabuuf qaban laafaa dha.
Hidhattoonni Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwataniin namoota 1,200 ajjeesanii, namoota gara 250 booji’aniiru. Israa’el Hamaas ammallee namoota 101 booji’ee qabateera jettee amanti, kanneen keessaa 35 waraanni du’aniiru jedha.
Deebii Haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatte lammiilee Falasxiinota kuma 44 ol ajjeesuu ministeerri fayyaa naannoo sanaa ibsee lakkoofsa loltootaa fi namoota nagaa adda hin baasne ibseera. Hamaas fi Hizbullaah Ameerikaa, Yunaaytid Kigdom akkasumas biyyoota dhihaa birootiin garee shororkeessummaa jedhamanii moggaafamaniiru.
Forum