Israa’eel halaalleellaa kamisa har’aa buufatalee galaanarraa kan Yemen garee warra Iraaniin deeggaramanii fi bu’uuraalee misoomaa humna aannisaa isaanii irratti fudhachuu beeksiifteetti. Humna waraanaa Israa’eeliif dubbii himaa kan ta’e Letenaanti Koloneel Nadaav Shoshanii akka ibsanitti halleellaa kana raawwachuuf Xiyyaarota Jeettii waraanaa 14 jedhaman fayyadamuun buufata galaanarraa Saaliif fi Raas Issaa akkausumas magaalaa Sanaa rukkuchuu himeera. Itti dabaluunis haleellaa kana fudhachuuf qaamni basaasaa biyyattii qophii ga’aa taasiisaa turuus himeera.
Teleeviziyoonni Al Masiraah kan garee Huutiin hoogganmu akka gabaaseettimmoo haleellaa Israa’eel raawwatte Kanaan namoonni sagal ajjeefamuu ibsee namoonni torba Saliif keessatti lama immoo Raas Issaa keessatti akka ta’an himee halleellaan lamaaniyyuu naannoo Lixa Hodeedihaa keessatti akka raawwatames himeera. Magaalaa Sanaa keessatti haleellaan taasifame immoo buufatalee aannisaa lama kan Kibbaa fi Kaaba magaaliitti irratti argamanirratti akka qiyyaafatame ibsuun eleektiriikiin adda cituun namoonni kumaatamootaan lakka’aaman tajaajila elektirikaan ala ta’aniirus jedheera.
Maddeen lama kan Riyooteersitti himanimmoo haleellaa Isra’eel raawwatte Kanaan Bidiruuwwan barbadaa’uu himanii garuummoo dooniiwaan qarqara galaanaa irratti dhaabbatanii akka jiran himaniiru.
Qondaalli tajaajila humna ibsaa kan magaalaa Sannaa Riyooteersiif akka mirkaneessetti halleellichaan Israa’eel bakka kuusaa bobo’aa kan humna aannisaa dahban kan Kaaba maagalittirratti argamu fi Hayizii kan kibba magaalittiitti argamu irratti akka taasifamee himuun sa’atiiwwan keessattis tajaajila humna ibsaa ni deebisna jedheera.
Forum